Irreecha: waliigaltee biyyaalessaaf!
Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Ayyaanni Irreechaa duudhaalee sirna Gadaa Oromoo keessaa tokko yoo ta’u, calaqqee eenyummaa fi ulfoo guddaa uummata Oromooti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas sirna jabaa kana guddisuuf haaromsa aadaa hojirra oolchaa jiruun aadaafi duudhaa Oromoo ganamaa bakka isaaf malutti deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoos haala Kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2019 irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.
Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu saganticharratti argamuun haasaa taasisaniin, Irreecha baranaa karaa Aadaa, duudhaafi safuu isaa eeggateen akkasumas haala sochii haaromsa aadaa cimsuu fi ol ka’iinsa biyyaa mirkaneessuu danda’uun akka kabajamuuf hojiileen gurguddoon hojjetamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa yeroo ijaarsi sirna Gadaa cimee fi waliigalteen biyyaalessaa marii fi marabbaan akkaataa olka’iinsa biyyaa tumsuu danda’uun geggeeffamaa jirutti ta’uu isaan adda akka ta’us eeraniiru.
Waggoottan darban keessatti hojii guddaa xiyyeeffannoon hojjetamaa tureen malkaan Irrreechaa yeroo dheeraaf dagatamee ture saaqamuun yeroo ammaa gara malkaawwan 296 oliitti akka guddatu taasisuu, wiirtuwwaanii fi Giddugala Aadaa Oromoo guddisuu fi misoomsuu irratti hojiin gurguddaan hojjetamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Baayiluu Baaneetu gabaase
#Oromia #Ethiopia