Magaalaa Finfinneetti yeroo murtaa’eef sosochiin Doqdoqqee dhorkame
Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC)- Har’a irraa eegalee Magaalaa Finfinneetti geejjibni doqdoqqee dhorkameera jedhe Qajeelchi Olaanaa Poolisii Magaalaa Finfinnee.
Qajeelchi Poolisii Magaalichaa akka ibsetti, namoota yakkoota adda addaa doqdoqqeetti fayyadamuun raawwatan irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Namoonni kunneen bakka bakkatti socho’uu fi meeshaalee hatan geejjibsisuuf baay’inaan doqdoqqeetti kan fayyadaman ta’uu ibseera.
Konkolaachiistonni doqdoqqee hedduun dambii tiraafikaa kan cabsan, keessattuu ibsaa tiraafikaa kan hin kabajne, konkolaattotaatti bu’uun miliquu, akkasumas osoo heelmeetii hin keewwatiin konkolaachisuu, gabatee hin mul’anne fayyadamuun rakkoolee hedduminaan mul’atan ta’uun ibsameera.