Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa yaa’ii duraa guyyaa boruu gaggeessa

Finfinnee, Fulbaana 17, 2019 (FMC)_ Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa Fulbaana 18, 2019 Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti ni gaggeessa.

Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan yaa’icha ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Miseensoota Caffee haaraaf Fulbaana 15, 2019 eegalee Leenjiin hubannoo cimsuu kennamaa turuu ibsan.

Yaa’ichi mootummaa haaraa hundeessuu fi murtoowwan jajjaboo egeree naannichaa murteessanirratti mari’achuun ni raggaasisaan eegama.

Muudamoonni fi wixineewwan seeraa adda addaas dhiyaachuun ni ragga’aan eegama.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.