Fana: At a Speed of Life!

Paarkii Biyyaaleessa Garreen Baaleetti Lakkoofsi daawwattoota dabalaa jira

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Paarkii Biyyaaleessa Garreen Baaleetti lakkoofsi daawwattootaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe jedhe Paarkichi.

Hogganaan Damee Turiizimii Paarkii Garreen Baalee obbo Garramaw Mabraatuun hojiilee bu’uuraalee misoomaa guutuu, iddoowwan hawwata turiziimii misoomsuu, kunuunsuufi beeksisuun hojjetamaniin yaa’iinsi daawwattoota biyya keessaafi alaa sadarkaa olaanaan akka dabalu taasisuu himan.

Galiin damicharraa argamus guddachaa dhufuu eeran.

Paarkicha keessa gosti simbirroota 310, bineeldota hoosiftuu 82 fi biqiltootni gosti hedduun kan argamu ta’uu dubbatan.

Kanneen keessaa gosti simbirrootaa 6, bineeldota hoosiftuu 22 fi gosa biqiltootaa 32 Itiyoophiyaatti qofa argamu.

Bara baajataa darbe daawwattoota paarkicha daawwatan irraa Birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 2 argamuu dubbatan.

Ittaanaan Waajjira Turizimii Godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Dajanee Milkeessaa Paarkiwwan biyyaalessa Gaarreen Baaleefi holqa Soof Umar dabalatee iddoowwan hawwata turiziimii godinichatti argamaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira jedhan.

Lakkoofsi daawwattootaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufuu hordofee jiraattoonni naannawichaa galii fooyya’aa argachaa jiraachuu kaasan.

Feenan Niguseetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.