Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 273 gara biyyaa deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC)- Lammiileen Itiyoophiyaa Sa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 273 gara biyyaa deebi’aniiru.
 
Lammiilee gara biyyaa deebi’an keessaa kumni 1 fi 108 dhiirota, 163 dubartoota lama ammoo daa’imman yoo ta’an, kanneen keessaas 49 guddattoota umriin isaanii 18 gadi ta’uun eerameera.
 
Lammiilee kanneeniif buufata xiyyaaraafi giddugaloota tursiisaatti deeggarsaafi kunuunsa gochuun hojiin maatii waliin walitti fiduu hojjetamaa akka jiru ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
 
Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojjetameen hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 4 ol gara biyyaa deebi’aniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.