Caffeen Oromiyaa riifoormii caaseffama godinaalee haaraa qophaa’e raggaasise
Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii 7ffaa geggeessaa jiruun wixinee labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi’uun gurmaa’ee dhiyatee raggaasiseera.
Kanumaan wal qabatee hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin caffeen Oromiyaa murtee seenaa qabeessa fayyadamummaa uummataa mirkaneessu murteessuu kaasuun, wixineen labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi’uun gurmaa’ee har’a Caffeen ragga’e qindoomina qaamolee mootummaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.
Riiformiin seeraan kan deeggarameefi aangoo gadi buusuuf kan kaayyeffate ta’uu himuun, Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6tti caaseffamuu himaniiru.
Haalu,a kanaan godinaaleen haaraan kunneenis;
1. Godina Bahaa Oromiyaa
2. Godina Giddugala Oromiyaa
3. Godina Lixa Oroniyaa
4. Godina Kibba Oromiyaa
5. Godina Kibba Lixa Oromiyaa fi
6. Godina Kibba Baha Oromiyaa ta’uu dubbataniiru.
Caaseffamni kunis mootummaafi uummata sirnaan kan walitti dhiyeessuufi kenna tajaajila mootummaa kan si’eessu ta’uu ibsaniiru.
Labsiin kunis labsii lakkoofsa 268/ 2019 ta’uun ragga’e.
Siifan Magarsaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia