Hariiroo cimaan Itiyoophiyaa fi Hindii tumsaan hojjechuuf faayidaa olaanaa qaba – Obbo Mahaammad Idriis
Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Hariiroon cimaan Itiyoophiyaa fi Hindi waggoota dheeraa lakkoofsise waliin hojjechuuf faayidaa olaanaa qabaachuu Ministirri Nagaa Obbo Mahaammad Idriis ibsan.
Ministirichi Ayyaana Masqalaa kabajuuf gara Itiyoophiyaatti kan dhufan Paatiriyaarkii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Maalaankaaraa Hindii, Qulqulluu Abuna Baasiliyoos Maartoommaa Maatewoos 3ffaa, waajjira isaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru.
Obbo Mahaammad Idriis yeroo kanatti akka jedhanitti, ummatootaafi manneen kiristaanaa biyyoota lamaan gidduu hariiroo cimaa waggoota dheeraa lakkoofsisee fi waliin jireenya nagaa cimsaa turetu jira.
Hariiroo cimaan addunyaaf fakkeenya ta’e kun waliin hojjechuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Qulqulluu Abuuna Baasiliyoos Maartoommaa Maatewoos 3ffaan gama isaaniin, Itiyoophiyaa seenaa qabeettii kitaabota qulqulluu keessatti irra deddeebiin eeramte daawwachuu isaaniitti gammachuu fi kabaji akka itti dhaga’ame ibsaniiru.
Hariiroon Manneen Kiristaanaa Ortodoksii obboleettiiwwanii Hindii fi Itiyoophiyaa gidduu jiru yeroo dheeraa kan lakkoofsise ta’uu yaadachiisaniiru.
Hariiroon kunis, manneen kiristaanaa lamaan, akkasumas biyyoota lamaan gidduu abdii egeree jiraatu kan mirkaneessu ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon Ministeera Nagaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia