Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu’uuressu hojiirra oolcheera.

Injifannoo Ummata Oromoo aarsaa qaaliin argame sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irraan ga’uuf mootummaan Naannoo Oromiyaa barii jijjiiramaa irraa eegalee tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa dhufee jira. Tarkaanfiiwwan kunneenis injifannoo siyaasaa argame gama misooma, nageenyaafi dinagdeen dabaaluun imala badhaadhinaa milkeessuuf hojii hojjetamaa dhufeen bu’aalee gurguddoon argamaa dhufaniiru.

Injifannoowwan argamaa dhufan gara sadarkaa olaanaatti ceesisuufi ijaarsa sirna cimaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessu hojiirra oolchuufis rifoormii haaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessu qoratamee dhiyaate Caffee Oromiyaatiin ragga’ee ifoomeera. Kunis ejjennoo mootummaan aantummaa uummataa mirkaneessuufi sirna ijaaruuf qabu kan agarsiisu murtii seena qabeessa bu’uura seeraan deeggaramedha.

Murtii seena qabeessa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolche keessaa tokko caaseffama Godinaaleeti. Akkaataa rifoormii haaraa hojiirra oole kanaan Godinaaleen kanaan dura 21 tura gara 6 caasessuun aangoon murteessummaa sadarkaa gadiitti akka gad buu taasisee jira. Kanaanis tajaajilli sadarkaa naannootti rarraee hafee ture gara Godinaa, Aanaafi Gandaatti bifa haaraan hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha. Kunis labsii haaraan kan tumsame yoo tau gurmaainsa haaraa kanaan sadarkaa Godinaatti manneen hojii aangoofi gaee hojii seerawaa qaban 23 kan hojiirra oolan taa.

Dambiin 250/2016 kanaan dura hojiira oolfame buaa buusuu waan eegaleef gara labsiitti olguddisuun aangoon Godinaa, Aanaafi Gandaa kan hojiirra oolfamu taa. Aangoo gad buusuu, tajaajila uummatatti dhiyeessuufi uummatni dhimmoota muraasaaf qofa gara Aanaa kan dhufu taa. Godinni ammoo gaee qindeessummaa kan baatu taa.

Buaan rifoormii haaraa kanaan dhufu kan biraan qindoomina dhaabbilee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranii ni cimsa. Kanaanis hojiileen walfakkaatan gara tokkotti akka sassaabaman taasisuun tajaajila uummataa sieessuufi bifa ammayyaaeen kennuuf labsiin naannoorraa kaasee hanga Gandaatti bifa walfakkaatuun kan hojiirra oolfamu taa. Kanaanis walitti buiinsaafi walirra buiinsa aangoo manneen hojii jidduu jiru guutummaatti kan hambisu ta’a.

Galma kana dhugoomsuufis Manneen hojii sadarkaa naannoorraa eegalee bifa haaraan gurmaaanii hanga gadiitti akka gad buan taasifameera. Muudamni Manneen hojii gaggeeffamee Caffee Oromiyaan raggaes ogummaa buuura kan godhate yoo tau, haaluma walfakkaatuun tajaajila uummataa milkaaaa taasisuuf caaseffamnii ogeessotaa, daarekterootniifi abbootiin adeemsaa gara Godinaa, Aanaaleefi Gandaatti kan gad buu taa.

Gurmaainsa haaraa Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiirra oolche kanaan Godinaalee haaraan 6 akka hundeeffamuuf murtaaeera. Kunis Godina Baha Oromiyaa, Godina Jiddugaleessa Oromiyaa, Godina Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Lixa Oromiyaa, Godina Kibba Oromiyaafi Godina Kibba Baha Oromiyaati.

Haaluma kanaan:

1. Godinni Baha Oromiyaa: Godina Harargee Bahaafi Haragee Lixaa

2. Godinni Kibba Baha Oromiyaa: Godinoota Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Baalee Bahaa, Magaalaa Asallaafi Magaalaa Dodolaa

3. Godinni Kibba Oromiyaa: Godinoota Booranaa, Booranaa Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa, Magaalaa Bulee Horaa, Magaalaa Mooyyaleefi Magaalaa Shaakkisoo

4. Godinni Kibba Lixa Oromiyaa: Godinoota Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Magaalaa Aggaaroo fi Magaalaa Mattuu

5. Godinni Lixa Oromiyaa: Godinoota Horroo Guduruu Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Lixaafi Magaalaa Najjoo

6. Godinni Giddu Galeessa Oromiyaa: Godinoota Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa fi magaalota Amboo, Baatuu, Hoolataa, Mojoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoofi Walisoo hammatee bifa haaraan kan gurmaau taa.

Godiinota kunneen akka hoggananiif Sadarkaa Itti-aanaa Pirezidantiitti Caffeen Oromiyaa muudama haaraa kenneera. Haaluma kanaan:

1. Kabajamoo Obbo Abdurrahmaan Abdallaa Sadarkaa Pirzedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Baha Oromiyaa

2. Kabajamoo Obbo Masfin Malaakuu Sadarkaa pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Lixa Oromiyaa

3. Kabajamoo Dr. Rashaad Kamaal Sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa

4. Kabajamoo Dr. Mangistuu Baqqalaa Sadarkaa Pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa

5. Kabajamoo Obbo Ahmad Idris Sadarkaa pirezedaantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa

6. Kabajamoo Obbo Ahmad Haajii Sadarkaa Pirezidantii Itti Aanaatti Bulchaa Godina Kibba Oromiyaa ta’uun ramadamanii jiru.

Rifoormii kanaan teessoon manneen hojii Godinaa magaalota gara garaa Godinicha afuritti qoodamuun sirni bulchiinsaafi qindeessummaa kan raawwatamu taa.

Rifoormiin kun sirna cimaafi mootummaa jabaa uummata isaa tajaajiluun gara boqonnaa haaraatti ceesisu kan uumudha. Tarkaanfichi Mootummaa Naannoo Oromiyaafi uummata Oromoo maraaf injifannoo guddaa waan ta’eef Uummatni keenyas murtii seena qabeessa kana raawwachiisuu keessatti gumaacha isin irraa eegamu akka taasiftan Mootummaa Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Fulbaana 2019
Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.