Fana: At a Speed of Life!

Caffeen Oromiyaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee akkan tajaajilu irra deebisee namoggaasuu isaatiif ulfinafi kabaja olaanaan qaba – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Yaa’ii Caffee duraa waggaa 1ffaa bara hojii caffee 7ffaa har’a gaggeeffame ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Caffeen Oromiyaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee akkan tajaajilu irra deebisee namoggaasuu isaatiif ulfinaafi kabaja olaanaan qaba jedhen ergaa isaaniin.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Filannoon Marsaa 7ffaa boqonnaa ummanni keenya fedhii, dantaafi bilisummaa isaa ittiin labsate ture. Akkasumas dagaagina aadaa demokiraasii keenyaa keessatti tarkaanfii seenaa murteessaa ture.

Caffeen Oromiyaa imaanaa ummanni keenya nurra kaa’e bu’uura taasisuun, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee akkan tajaajilu itti gaafatamummaa olaanaa kana irra deebiin natti laatera.

Imaanaa kana fudhachuun, milkaa’ina galmoota Qabsoo Ummata Oromootiif kutannoo guutuufi gahumsa olaanaan kanan ifaaju ta’uu mirkaneessuun barbaada.

Asumaanis ummata keenya goota, abbootii hirreefi cunqursitoota cichoominafi wareegama qaaliin injifatee isin fuuldura akkan dhaabadhu, hiree har’aa kana akka argannu nutaasiseef galatafi beekamtii olaanan dhiyeessa.

Imaanaan ummataa kun, carraa aangoo ittiin bulchinu kan nuuf kennu qofa osoo hintaane, dirqama hoggansummaa jireenya isaa bu’uura irraa jijjiiru kennuu kan nurraa barbaadudha. Galmi keenyas sirna mootummaa fedhii ummataa tajaajilu, dandeettii isaa cimsu, carraalee isaa babaldhisuufi haalota dandeessisoo uumu ijaaruudha.

Waggoota shanan Karoora Xiiqii darban (2014–2018) keessa bu’uuraaleen ce’umsaaf barbaachisan kanneen akka oomishtummaa qonnaa, sirna barnootaafi fayyaa, indastirii, turizimiifi magaalomsuu ijaaramaniiru. Ergamni waggoota shanan Karoora Of-Danda’uu dhufanii (2019–2023) ammoo: waan jalqabnee gara humna jijjiiramaa qabatamaatti ceesisuu, bu’uura ijaarame gara omishaatti, omisha gara carraatti, carraa gara galiitti, galii gara badhaadhinaatti, akkasumas badhaadhina gara dorgomtummaa hundagaleessaatti jijjiiruudha.

Dinagdeen Oromiyaa waggoottan shanan darban giddugaleessan %9’n guddachaa dhufuun isaa kan beekamuudha. Waggoota shanan Karoora Of-Danda’uu dhufan keessatti ammoo waggaa waggaan giddugaleessan %12.5’n ol furguuggisuuf karoorsinee hojjachuurratti argamna.

Kanaan guddina lakkoofsaa qofa osoo hintaane, dinagdee gooroo tasgabbaa’aa, guddina saffisaafi ittifufiinsa qabu dhugoomsuuf cimsinee kan hojjannuudha.

Indastirii gara humna ijoo ce’umsa caasaa dinagdee naannichaatti ceesisuun, gahee inni dinagdee waliigalaa keenya keessatti qabu %19.7 irraa gara %33.5’tti guddisuuf karoorsineerra. Bu’uuruma kanaan, paarkiilee indastirii qonnaa qindaa’oo, zoonii dinagdee addaafi meeshaalee maanifaakchariingii biyya keessatti omishuu nicimsina. Gama invastimantii dhuunfaatiin, lafaafi deeggarsa barbaachisuu mara dhiyeessuun kaappitaala isaanii gara omishaa, carraa hojiifi sirna oomishtummaa dorgomaatti nijijjiirra. Qabeenya albuudafi carraa turizimii jiru sirnaan misoomsuun damdaneessummaa dinagdee keenyaa qixaan nimirkaneessina.

Dandeettii galii maddisiisu dinagdee keenyaa guddisuufi dandeettii galii sassaabuu keenya ammayyeessuun xumura Karoora Of-danda’uutti galii naannoo keenyaa gara birrii tiriliyoona 2.3’tti kan guddifnu ta’a. Baadiyyaafi magaalaa sirna dinagdee tokko jalatti ijaaruun, jiraataa magaalaa keenya, akkasumas qoteefi horsiisee bulaa keenya magaalota isaa keessatti daawwataa misoomaa osoo hintaane, hirmaataa, murteessaafi abbaa qe’ee taasisuu cimsinee ittifufna. Qonna ammayyeessuu, hirkattummaa roobaa hir’isuufi maanifaakchariingii cimsuun qonna gara bu’uura indastiriifi cancala sonaa ariifataatti kan ceesifnu ta’a.

Waggoota shanan dhufan, dandeettii mootummaa bu’aawwan kanniin gara jireenya ummataatti jijjiiru ijaaruu qabna.

Bu’uuruma kanaan, gurmaa’insa qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa naannoofi magaalaa hanga gandaatti jiru keessa-deebiin caasessineerra. Kanaaniis, angoo, leecalloofi tajaajilli rarra’ee hafe akka ummataatti dhiyaatu nita’a. Manneen hojii naannoos, ko’oma hojii bulchiinsaa keessaa baahuun gara imaammataafi tarsiimoo maddisiisuufi raawwii qindeessuuti akka ce’an keessa-deebiin caasessineerra. Carraa kanaan, hojjattoota caasaa mootummaa miira tajaajiltummaan socho’aniifi milkaa’ina riifoormii kanaaf bu’uura ta’an beekamtiifi galata olaanaa dhiyeessuun barbaada.

Gama biraan galmi keenya, dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e horachudha. Kanaanis, ilaalcha dhaweessummaa qabu horachuuf hojiin baldhaan hojjachaa jirra; keessumaa daa’imman baadiyyaa miliyoona 2.6 ol ta’an seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif carraa barnoota sadarkaa tokkoon-duraa akka argatan taasisneera.

Waggoota shanan dhufanis dhaloota beekumsa, ogummaa, dandeettii yaaduu, kalaquufi rakkoo furuun dinagdee dorgomaa ijaaruu danda’u horachuun xiyyeeffannoo keenya ijoodha. Ijaarsa dhalootaafi ce’umsa kana keessatti, barsiisota keenya qulqullina barnootaa mirkaneessuu, saayinsiifi teeknoolojiidhaan dhaloota boruu ijaaruufi sammuu dhalootaa qaruu keessatti bu’uura ta’anii tajaajilaa jiraniif beekamtiifi galata guddaan dhiyeessa.

Ce’umsa hawaas-dinagdee kana qabatamaan dhugoomsuuf nageenyi waaraan bu’uura murteessaadha. Mootummaan keenya waldhiibinsaafi jibbiinsa siyaasaa hambisuun, marii, marabbaa, araarafi waliigaltee cimsuun nageenya waaraa ijaaruuf hojjechaa jira. Nageenya ummataa tiksuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti, humna nageenyaa keenya —nagaafi tasgabbii hawaasaa, daangaafi bu’uuraalee misoomaa eeguu keessatti aarsaa qaqqaalii kanfalaa jiraniif ulfina olaanaan dhiyeessa. Carraa kanaan nageenyi hirmaannaa qaama maraa kan barbaadu ta’uu yaadachiisaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, marii nagaa kamiifuu karrisaa akkuma yeroo maraa banaa ta’uu mirkaneessuun barbaada.

Dhumarrattis, Caffeen Oromiyaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee akkan tajaajilu irra deebisee namoggaasuu isaatiif ulfinafi kabaja olaanaan qaba.

Injifannoowwan hanga ammaatti argaman akka galmaatti hinilaallu; gara oomishtummaa olaanaa, carraa hojii baldhaa, dinagdee dorgomaafi badhaadhina ummataa qabatamaatti jijjiiruun ammoo ergama keenya waggoota shanan dhufaniiti.

Bara hojii kiyya keessatti, ergamootaafi galmoota Karoora Of-Danda’uu keessatti kaase ummata koo, caasaafi hoggansa sadarkaan jiru waliin ta’uun milkeessuuf qophaa’ummaafi kutannoo olaanaa kanan qabu ta’uu irra deebiin mirkaneessuun barbaada.

Oromiyaa ni Ijaarra!

Itoophiyaa ni Utubna!

Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeesina!

Waaqayyos nu Gargaara!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.