Qormaatilee nu mudatan injifachuu kan dandeenyu yoo harka walqabanne- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Qormaatilee nu mudatan injifachuu kan dandeenyu akka obbolaatti harka walqabannee yoo imalledha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee haasawa baniinsaa sirna hundeeffama mootummaa Ida’amuu gaggeeffamaa jirurratti taasisaniin, filannoon biyyattiitti gaggeeffame akka warqee ibiddaan qoramee kan ba’eefi qormaatilee hedduu keessatti aadaa sirna diimikoraasii Itiyoophiyaa kan cimse ta’uu ibsaniiru.
Dorgommii dimookiraasii keessatti injifachuufi injifatamuun paartilee yoo jiraates Itiyoophiyaan garuu lammiilee injifattoota ta’an malee injifatamoo akka hin qabne eeraniiru.
Qormaatilee akka biyyaatti nu mudatan injifachuu kan dandeenyu akka obbolaatti harka walqabannee yoo imalledha jedhanii, wayita addunyaan keenya saffisaafi haala tilmaamuun ulfaataa ta’e keessatti argamtutti baroota dhufan of-eeggannoon eeguun miindaa guddaa qaba jechuun ibsaniiru.
Kanaaf wanta biyyaaf fayyadu ogummaan filachuun hordofuun imaanaa guddaa dhaloota har’aa ta’uu hubachiisaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa