Hirmaannaan uummataa pirojektoota gurguddoo tumsa mootummaafi uummataan hojjetaman bu’aa qabeeyyii taasise- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee
Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC) – Hirmaannaa uummanni hojiilee misoomaa irratti taasisu pirojektoota gurguddoo tumsa mootummaafi uummataan hojjetaman bu’aa qabeeyyii taasiseera jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Federeeshinii wayita ifatti banan haasawa taasisaniin, waggoottan shanan darban keessa guddinni diinagdee Itiyoophiyaa akka hin danqamneef hojii cimaan hojjetamuu ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan guddina diinagdee biyyattii guddisuuf fudhataman raawwii itti aanuuf bu’uura cimaa ta’uu ibsuun, milkaa’inoota galmaa’an haalaan ilaaluun barbaachisaadha jedhan.
Teeknooloojiiwwan fi galteewwan qonnaa fooyyessuuf hojiirra oolan, hojiileen misooma jallisii babal’isuuf hojjetaman, dandeettii indaastirii oomishaa guddisuufi misooma albuudaa babal’isuu, daldalli al-ergiifi invastimantiin alaa guddachuun, iddoowwan ga’umsa tuurizimii fi lakkoofsi tuuriztootaa Itiyoophiyaa daawwatanii dabaluun, bu’uuraaleen misoomaa diijitaalaa babal’achuun fi dameen tajaajilaa guddina agarsiisuun diinagdeen Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaan akka guddatuuf qooda bahachuu eeraniiru.
Mootummaan Karoora waggoota 10 hogganamuun, yaadamaafi galma diinagdee damdaneessaa akkasumas sirna galiifi taaksii mootummaa cimaa hordofuun galii biyya keessaa guddisuun danda’ameera jedhan.
Liqaa daldalaa hambisuun, pirojektoota qabeenyaafi yeroo qisaasessaa akkasumas waggoota dheeraaf harkifachaa turan saffisaan xumuruun guddinni diinagdee biyyattii akka hin danqamne gochuun danda’amuus ibsaniiru.
Hirmaannaa uummanni misooma irratti taasisu pirojektoota gurguddoo tumsa mootummaafi uummataan hojjetaman bu’aa qabeeyyii taasisuu eeraniiru.
Kanaaf ammoo Sagantaa Ashaaraa Magariisaafi hojiilee misooma kooriidarii magaalaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa