Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa fayyadamummaa waloo kan mirkaneessuu dhimma bu’uuraati

Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC) – Gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa irratti dhiyeessite naannawicha keessatti fayyadamummaa waloo kan mirkanessuuf dhimma murteessaadha jedhan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii duraanii Obbo Mootummaa Maqaasaan.

Obbo Mootummaan akka ibsanitti, Itiyoophiyaan teessuma lafaa galaana diimaa irratti qabdu, akkasumas seenaa fi seera idil addunyaa irratti hundaa’uun abbummaa karra galaanaa ishee mirkaneeffachuuf mirga qabdi.

Itiyoophiyaan guddina diinagdee irra kan jirtuun biyya guddoo ta’uu ishee ibsuun, guddinni diinagdee ishee danqamee itti fufuu akka hin qabne hubachiisaniiru.

Akkasumas, Itiyoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya baay’ee gabaabaa irratti argamuun gaaffii karra galaanaa hojiirra oolchuuf haala mijataa akka uumu ta’uu ibsaniiru.

Seenaa keessatti Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa qabdu deebifachuun dhimma jiraachuu fi birmadummaa biyyaatii waliin walqabatu waan ta’eef, tattaaffiin eegalame barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Akka seera idil addunyaatti, Itiyoophiyaan buufata doonii fayyadamuuf mirgi qabdu eegamaa ta’uu kan ibsan Obbo Mootummaan, mirgi kun nageenyaa fi tasgabbii naannawichaafis barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Gaaffiin Itiyoophiyaan abbummaa karra galaanaa irratti dhiyeessite deebii argachuun Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane, fayyadamummaa waloo naannawichaafis murteessaa waan ta’eef, biyyoonni naannawichaa gaafficha deeggaruu akka qaban dhaamaniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.