Dhaabbilee fi sirni tolfamaa jiru karaa duudhaa ganamaa bu’uura godhateeni – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC) – Dhaabbilee hunda ogummaa fi beekumsaan ijaaramaa jiru jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Hojiin hundi beekumsaa fi ogummaan akka hogganaman taasifamaa jiraachuu kaasan.
Riifoormiin naannoorratti gaggeeffame humna namaa sirnaan akka fayyadamnu kan taasisuudha jedhan.
Kana dura baajanni guddaan kan qabamu naannorratti ta’uu eeruun, caaseffama haaraan garuu baajanni guddaan gandarratti kan qabamu ta’uu himan.
Gandoonni hundi haaromee baadiyyaa qixa barbaadameen hojiirra oolchuu isaaniin kan madaalaman ta’uu dubbatan.
Caaseffamni kun kallattii hundaan jijjiirama guddaa fidaan eegama jechuun ibsan.
Kaayyoo guddaan caaseffama amma hojiirra oolee diinagdee Oromiyaa ceesisuu danda’u uumuuf ta’uu himan.
Magaalonnis motora diinagdee olaanaa akka ta’an xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kan kaasan obbo Shimallis, magaaloota amma % 20 irra jiru waggoota itti aanaan % 50 irraan gahuuf karoorfamuu dubbatan.
Haaromeen milkoofnaan magaalomuun saphaatti dhufa jedhan.
Dhaabbilee fi sirni tolfamaa jiru karaa duudhaa ganamaa bu’uura godhateen ta’uu hubachiisan.
Waggoota darbe duulli guddaan kan gaggeeffame eenyummaarratti waan tureef amma safartuun hundi duudhaa ganamaa bu’uura kan godhate ta’uu ibsan.
Hojiileen hundi duudhaa ganamaa hammatee akka hojjetamu taasifamuu dubbatan.
Kanaanis jijjiiramni guddaan argamuu eeran.
Duulli bitaaf mirgaan taasifamu Oromummaa cabsuufi; Oromummaan garuu sadarkaa cabuu bira darbee jira jedhan.
Ammaan booda qaamni akka duri Oromoo toora biroorratti hiriirsuu danda’u akka hin jiraanne kaasan.
Oromummaan awwaalcha diinarratti lalisaa dhufeeraa jedhan.
Kaleessa Oromoo cabsuuf yaalaniiru, oromummaan garuu caalmaatti jabaate malee hin cabne jechuun himan.
Dhaloota ogummaa fi humna dhaweessummaa qabu horachuuf haaromsa aadaan masakamnee qajeefamaa jirra jechuun dubbatan.
Dhaabbileen kamiiyyuu hammattoon isaanii oromummaa ta’uu himan.
Oromoon Barnootaan, Teeknooloojii fi diingadeen ijaaramaa jiraachuu ibsan.
Diinni keessas alaas walitti camadamtus ofiif caccabdi malee abadan Oromoo fi Oromiyaa diiguu hin dandeessu jedhan.
Sirna cimaa dambalii kamiiniyyuu hin raafamne ijaaraa jirra jedhan Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan turtii OBN waliin taasisaniin.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa