Guyyaan Alaabaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 2, 2019 (FMC)- Guyyaan Alaabaa sadarkaa Naannoo Oromiyaatti kabajamaa jira.
Guyyaan Alaabaa 19ffaan mata duree” Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaa fi Tokkummaa Keenyaaf” jedhuun kabajamaa jira.
Alaabaan, calaqqee gootummaa, birmadummaa, kabajaafi jaalala lammiileen biyya isaaniif qaban ittiin agarsiisanidha.
Haaluma kanaan Guyyaan Alaabaa 19ffaan akka Biyyaatti mata duree “Alaabaan Keenya Waliigaltee Biyyaalessaafi Tokkummaa Keenyaaf” jedhuun Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti, bakka hooggantoonniifi hojjettoonni seektaraalee Naannoo Oromiyaa argamanitti sirnoota garaa garaan kabajamaa jiraachuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaa ni mul’isa.
#Mootummaaida’amuu.