Fana: At a Speed of Life!

Goota hanga jedhe gahuu, mallattoo birmadummaa fi Bilisummaa: Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2019 (FMC) –Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa diina daangaa darbee isa tuqe qaanessuun yeroo mara gootummaa isaa agarsiisera.

Seeenaawwan injifannoo Raayyaan Ittisaa biyyaa Itiyoophiyaa Waraana Adwaa, weerara xaaliyaanii 2ffaa, yaalii weerara mootummaa Ziyaad Baareefi kaan gootummaafi kutannoo ijoolleen biyyattii birmadummaa biyya isaanii kabachiisuuf qabaniif ragaa bara baraan jiraatanidha.

Lola irratti kutannoo agarsiisu malees, waraana irratti of duuba garagalu kan hin beekne goote fakkeenya cichoominaati.
Itiyoophiyaan fedhii biyya yookaan lafa ormaa sarbuu hiqabdu; raayyaan ishee kan dhukaasu yoo birmadummaan biyyaa yaaddoo keessa gale qofaadha.

Itiyoophiyaan wareegama, jaalala biyyaa fi cichoomina ilmaan isheetiin qormaata seenaa keessa turan hundumaa moo’attee har’a geessetti.

Miirri moo’ichuu dhaloota irraa gara dhalootaatti darbaa ture kun gootummaa seenaa Itiyoophiyaa fi ammayyummaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa walitti hidha.

Itiyoophiyaan loltuu dhimma biyyaaf lubbusaa hinmaraarfanne qabdi. Namni qabeenyasaa, mindaasaafi beeksumasaa biyyaaf aarsaa gochuu danda’a. Garuu akka Raayyaa Ittisa Biyyaa kan lubbuusaa qabsiisuun biyya baraaru hin jiru.

Itiyoophiyaan yeroo kamuu caalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa naamusa loltummaa olaanaa, beekumsa saayiinsiifi teeknoloojii gahaa, beekumsa naannawaafi haala addunyaa sirriitti hubate baay’inaafi qulqullinaan horachaa jirti.

Meeshaaleen waraanaa ammayyaa raayyichi hidhateefi humnoonni tarsiimawoo inni ijaarrate, humnoonni diinaa Itiyoophiyaa irratti yaada hamaa qabaachuu irra darbuun, tarkaanfii badii akka hin raawwanne dandeettii ittisuu fi dursee fashaleessuu sadarkaa olaanaatti guddiseera.

Birmadummaa, nageenyaa fi tasgabbii biyya tokkoo itti fufiinsaan eegsisuuf raayyaa ittisaa cimaa, haala yeroo wajjin deemu ijaaruun barbaachisaadha.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa qormaata isa mudatu dandamachuu qofa osoo hin taane, aadaa qophaa’ummaa balaa dhufuu danda’u dursee adda baasuu fi ittisuurratti xiyyeeffate ijaaruu irratti argama.

Dandeettiin injifannoo kun meeshaalee waraanaa fi teeknooloojii ammayyaa irraa qofa kan maddu miti. Seenaa gootummaa, wareegamaafi kabaja biyyaalessaa Itiyoophiyaan qabdu waliin kan walqabatuudha.

Iccitiin gootummaa Raayyaa Ittisaa inni guddaan, jaalala biyyaa cimaafi kutannoo hin jilbeenfanne gootota Adawaa irraa dhaaleen yoo ta’u, beekumsi waraanaa ammayyaafi qindoominni tarsiimoo irratti hundaa’e, ergama itti kenname sadarkaa olaanaadhaan akka raawwatuuf humna guddaa ta’eefira.

Akkasuma mallattoon Gootummaa Yaaddessaan diinaa Humni Qilleensa Itiyoophiyaa yeroo gara garaatti qormaata walxaxaa isa mudate ciminaan darbuun gaachana Itiyoophiyaa samii irraa ta’ee itti fufeera.

Dhaabbanni kun birmaddummaa biyyattii kabachiisuu qofa osoo hin taane, Afrikaa guutuuf fakkeenya ciminaafi kabajaa ta’ee tajaajilaa jira.

Kanaanis, Itiyoophiyaan naannawichatti olaantummaa tarsiimawaa fi wabii nageenyaa ta’uu ishee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo, lammiileef ammoo abdii, biyyaafis gaachana birmddummaa ta’eera.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.