Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ittaanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa

Alaabaan keenyaa duudhaa Ida’amuu, mallattoo tokkummaa fi Olkaa’iinsa Itiyoophiyaati.

Har’a guyyaa Alaabaa biyyaaleessaa 19ffaa kabajneerra.

Alaabaan keenya wareegama seenaa abbootii keenyaa kan nu yaadachiisu, dhamaatii keenya har’aa kan calaqqisisuu fi mul’ata badhaadhinaa egeree kan mul’suu Asxaa olkaa’iinsa Itiyoophiyaati.

Xiyyeeffannoon Mootummaa Ida’amuu olaanaan tokkummaa Itiyoophiyaa, nageenya, misoomaa fi badhaadhina hundagaleessaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuudha.

Alaabaan ibsituu tokkummaa Sabdaneessummaa malee madda garaagartee ta’uu hin qabu .

Sabaan, Afaaniin, aadaa fi amantaan garaagar taanuus, Itiyoophiyummaa fi mul’ata misoomaa waloo keenyaan tokko.

Yaadamni Mootummaa Ida’amuus garaagarummaa keenyaa akka qabeenyaatti lakka’uu, duudhaa waloo keenya cimsuun tumsaan guddummaa biyya keenyaa qabatamaatti mirkaneessuuf nu kakasa.

Guyyaa biyyaalessaa guddaa kanatti ,Alaabaa keenyaa olkaasnee mirmirsuun, tokkuummaa, nageenya, birmadummaa fi badhaadhina biyya keenyaaf murannoo qabnu qabatamaatti ni mirkaneessina.

Baga Guyyaa Alaabaa 19ffaa nagaan geessan.

#MootummaaIda’amuu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.