Fana: At a Speed of Life!

“Isin tajaajiluuf malee, isin bulchuuf hin dhufne” – Obbo Masfin Malaakuu

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2019 (FMC) – Godina Lixa Oromiyaatti gurmaa’insa haaraa lafa qabsiisuun rakkoo nageenyaa furuu, gaaffii misoomaa deebisuu fi kenniinsa tajaajila mootummaa fooyyessuu irratti mariin xiyyeeffate geggeeffameera.
 
Marii kana irratti Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Bulchaan Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfiin Malakuun “Isin tajaajiluuf dhufne malee isin bulchuuf miti,” jedhan.
 
Kaayyoon gurmaa’insa haaraa kanaas hawaasatti dhiyaachuun tajaajiluu, nageenyaa fi haqaa mirkaneessuu akkasumas gaaffiiwwan misoomaa fi diinagdee hawaasaa deebisuuf hojjechuu ta’uu ibsaniiru.
 
Gurmaa’insi haaraan kun tokkummaa ummataa cimsuu fi hawaasni tajaajila saffisaa fi haqa qabeessa ta’ee akka argatuuf kan gargaaru ta’uus hubachiisan.
 
Qabeenyi fi humni namaa ganda irraa eegaluun sirnaan fayyadamuuf bulchiinsa gandaa cimsuun tajaajila mootummaa sadarkaa gandatti kennamu bal’isuun xiyyeeffannoo guddaa akka argatu dubbataniiru.
 
Gaaffiiwwan misoomaa hawaasni kaasu deebisuuf nageenyaaf dursa kennuun xiyyeeffannaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasanii, garaagarummaa jiru karaa araaraa fi mareen furuuf  ni hojjetamas jedhan.
 
Iitti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Talilaa Tarrafaa  gama isaaniin, rakkoo nageenyaa furuun misoomni akka saffisuuf hawaasnis gurmaa’insa haaraa kana deeggaruun hojiirra akka oolchu hubachiisanii,  Mootummaanis gaaffii hawaasni  gama misoomaa fi nageenyaan qabu hiikuuf  hawaasa hirmaachisee akka hojjetu mirkaneessaniru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.