Fana: At a Speed of Life!

Guddina Dippilomaasii Itiyoophiyaa bu’aa olaanaa galmeesse

Itiyoophiyaan biyyoota seenaa dippilomaasii dheeraa qaban keessaa tokko yoo taatu, Afrikaa keessatti gahee addaa qabdi.

Imaammanni alaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa waggoota shanan darban keessa haala faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuun ce’umsa taasiseera.

Itiyoophiyaan biyya daandii guddinaa haaraa keessa jirtu ta’uu isheetiin deeggersi fi tumsi faayidaa biyyaalessaa ishee kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’e baay’ee ishee barbaachisa.

Itiyoophiyaan dhaabbilee Idil-Addunyaa hundeessuu keessatti qooda fudhachuufi miseensummaan seenaa yeroo dheeraa kan qabdu yoo ta’u dhaga’amummaafi bakka bu’ummaa mirkaneeffachuun dhiibbaa Addunyaalessa ta’e uumuu irratti garuu xiyyeeffannoo hin arganne turte.

Haata’u malee Mootummaan Paartii Badhaadhinaan hoogganamu waggoota jijjiiramaa darbanitti dippiloomaasii roga maraan cimsuun dhiibbaa uumtummaa akkasumas dhageettiifi humna murteessummaa biyyaafi sadarkaa Addunyaatti biyyi keenya qabdu tarkaanfachiiseera.

Hoggansa Mootummaa Ida’amuun hojiiwwan dippilomaasii hojjetaman Itiyoophiyaa sadarkaa ajandaa naannawaa fi ardii bocuu danda’utti ceesisuun, dhagga’amtummaafi dhiibbaa ishee guddisaniiru.

Dippilomaasii gama hedduun miseensa BRICS ta’uun, ce’umsa teeknooloojii fi beekumsaa cimsachuun, Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa xumuruun dippilomaasii anniisaan dhiibbaa naannawaarratti qabdu daran guddisteetti.

Kana malees, sagantaa Ashaaraa Magariisaan, hambaalee aadaa fi seenaa gara biyyaatti deebisuun, akkasumas hirkattummaa deeggarsa alaa irraa gara dandeettii ofiitti ce’uun, dhiibbaa dippilomaasii cimsatteetti.

Jijjiiramni dippilomaasii kun Finfinnee giddugala ijoo waltajjiiwwan ardii fi idil-addunyaa taate akka jabaattu gochuu bira darbee, dippilomaasii diinagdee, misooma biyya keessaa fi invastimantii keessatti gahee olaanaa akka qabaattu taasiseera.

Hariiroowwan idil-addunyaa dameewwan daldalaa, indaastirii fi teeknooloojii keessatti taasifaman, birmadummaa biyyaa fi imala Itiyoophiyaan dandeettii ofiitiin dhaabbachuuf taasiftu deeggaruu keessatti qooda bahachaa jiru.

Keessumaa, gaaffiin ulaa galaanaa karaa nagaa, hammattoo seeraa fi qajeeltoo faayidaa waliinii irratti hundaa’uun dhugoomsuuf tattaaffiin tarsiimawaa taasifamaa jiru, sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama fi tumsa akka argatu taasiseera.

Kunis dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee biyyattiin naannawichaa fi sadarkaa idil-addunyaatti qabdu daran olkaaseera.

Itiyoophiyaan waggoota shanan dhufan keessatti olaantummaa fi dhiibbaa dippilomaasii waggoota darban keessatti mirkaneessite daran cimsuuf mul’ata tarsiimawaa guddaa qabattee jirti.

Xiyyeeffannoon ishee inni guddaan biyyoota Gaanfa Afrikaa gidduutti walitti hidhamiinsa diinagdee fi bu’uuraalee misoomaa guddisuu, gurgurtaa humna elektirikaa Hidha Guddicha Haaromsaa babal’isuun giddugala anniisaa naannichaa ta’uu, akkasumas gaaffii ulaa galaanaa mirkaneessuudha.

Dabalataanis, karaa hammattoo BRICS fi dhaabbilee idil-addunyaan diinagdee dijitaalaa guddisuu, ce’umsa teeknooloojii cimsuu fi invastimantii hawwachuun, waggoota dhufan keessatti badhaadhina biyyaalessaa saffisiisuuf adeemsa eegalteetti.

Dippilomaasii jijjiirama qabeenya qilleensaa fi dandeettii Diyaaspooraa fayyadamuun, Itiyoophiyaan sadarkaa ardii fi waltajjii idil-addunyaatti ajandaa bocuu fi dhiibbaa tarsiimawaa qabdu daran cimsachuun itti fufti.

Addunyaan yeroo ammaa rakkoolee nageenyaa fi walitti bu’iinsa adda addaa keessa jirti. Haala akkanaa keessatti, biyyoonni akka Itiyoophiyaa marii, araaraa fi karaa dippilomaasii cimsuun nageenya waaraa fiduuf gahee isaanii bahachuu danda’u.

Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa, humna namaa, gabaa fi carraa invastimantii hedduu qabdi. Kanaaf, dippilomaasii ishee karaa dinagdee cimsuun, carraa kana gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf gahee qaba.

Dhiibbaan Dippiloomaasii Itiyoophiyaa guddachaa jira gaaffiiwwan tarsiimawaas fudhatama argachuu itti fufaniiru.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.