Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan diinota ishee unkuteessite

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti dambaliin itti walhin jijjiirre, shirri irratti hin xaxamnee hin jiru.

Haa ta’uutii Itiyoophiyaan qormaatilee hunda cichoominaan darbuun biyya iftee fi cimtee muul’atteedha.

Seenaan ni dabalama, humnoonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa jilbeeffachuuf yaalaan hundi injifatamuun qaana’aniiru.

Itiyoophiyaan qaamolee birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa isheetti bu’uuf yaalaniif araarama akka hin qabne qabatamaan agarsiifteetti.

Keessattuu Lagni Abbayyaa fi Galaanni Diimaan faayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa ijoo biyyattiiti.

Diinonni alaa biyyattiin qabeenya uumamaa ishee kanneen akka hin fayyadamne dhorkuu fi diinagdee fi siyaasa ishee laamshessuuf duula dippiloomaasii fi diinagdee bananiiru.

Ejjennoon Itiyoophiyaa guddaan faayidaa biyyaalessaa kabachiifachuu fi madaallii humna naannichaa keessatti dursummaa ishee mirkaneeffachuudha.

Birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu keessatti gatii olaanaa kan kaffale ammo Raayyaa Ittisaati.

Gootummaa daangaa hin qabne, murannoo fi ogummaa tarsiimawaa raayyichi agarsiiseen diinonni tokkummaa biyyaa bittinneessuuf dhufan hundi kufaniiru, injifatamaniiru, salphataniiru.

Diinoonni keessaa humnoota alaa waliin hiriiruun birmadummaa biyyaattiitti bu’uuf yaalan hundi dahannaan isaanii burkutaa’uun diigameera.

Gareen seeraan alaa ABUT ergama diinaa milkeessuuf yaaliin eegale tokkummaa Itiyoophiyaanotaan abjuun isaa manca’eera.

Har’a gooftaawwan isaa jala dhokachuuf dirqameera.

Akka yaade osoo hin taane akka hin taaneetti burkutaa’eera.

Injifannoon kun Shirri siyaasaa fi waraanni bakka bu’iinsaa dachee Itiyoophiyaarratti goonkuma akka hin milkoofne ifatti mul’iseera.

Seenaan ragaadha, kan Itiyoophiyaa tuqe hundi moo’atamaadha.

Itiyoophiyaan diinoota ishee burkuteessaa, shira fashaleessaa fi injifannoowwan seenaa haaraa barreessaa itti fufti.

Itiyoophiyaan awwaalcha diinota ishee gadi fageessaa as geese, dhaloonni kunis gootummaa gootota irraa dhaale fudhachuun, biyya isaa gama misoomaa, dippilomaasii fi olaantummaa biyyaalessaa sadarkaa olaanaan gahuuf itti gaafatamummaa seenaaa bahachaa jira.

Hayilayesuus Makonniin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.