Abbummaa qabiyyee lafaa dubartootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Ministeera Qonnaa
Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Abbummaa qabiyyee lafaa dubartootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.
Guyyaan Qonnaan Bultootaafi Horsiisee Bultootaa addunyaa mata duree “Dubartoota Qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa haa gahoomsinu, wabii midhaan nyaataa keenya haa mirkaneessinu, Itiyoophiyaa badhaate haa ijaarru” jedhuun Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf kabajamaa jira.
Kaayyoon guyyichaa hojiilee misooma qonnaan wabii nyaataa mirkaneessuufi guddina diinagdee baadiyyaa mirkaneessuuf hojjetamaniin dubartoota qonnaan bultootaafi horsiise bultoota jajjabeessuuf ta’uun ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa wayita kana, Itiyoophiyaan hojii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjechaa jirtu keessatti qoodni dubartootaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.
haa ta’u malee dhiyeessii liqaa, teeknooloojii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu fi qabiyyee abbummaa lafaa irratti rakkooleen jiraachuu kaasaniiru.
Rakkoolee kanneen furuufis mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsanii, keessumaa abbummaa qabiyyee lafaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan.
Naannawaa baadiyyaatti waliingahiinsa faayinaansii babal’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Feevan Bishaw’tu gabaase.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa