Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 2ffaan har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 2ffaan tapha har’a Itiyoo Elektiriik Nageellee Arsii keessummeessuun eegalama.
Guchiiwwan har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Istaadiyeemii Finfinneetti morkiin Itiyoo Elektirikii waliin taasisan ni eegama.
Akkasuma waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Halaabaan Bahiir Daar waliin taphata.
Galgala sa’aatii 12:00 eegalee darbii Oromiyaan falmiin Magaalaan Adaamaa – Shaggar waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.
Taphni kun Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taphatama.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa