Fana: At a Speed of Life!

Inisheetivii misooma Ruuzii Itiyoophiyaatti

Finfinnee, Onkolooleessa 11, 2019 (FMC) – Ruuziin midhaan nyaataa addunyaa irratti baay’inaan oomishamu, nageenya nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bultootaa guddisuu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee guddaa qabuu dha.

Mootummaan Itiyoophiyaas oomishtummaa ruuzii kana guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tarsiimoo biyyaalessaa‘ National Rice Research and Development Strategy of Ethiopia’ jedhamu bara 2010 keessa qopheessee hojiirra oolchaa jira.

Boodarras, tarsiimoon misooma ruuzii bara 2020–2030 fi sagantaan ‘National Rice Flagship Program 2023–2027’ jedhaman qophaa’aniiru.

Kanaanis, Inisheetiiviwwan garaagaraa qonna ammayyeessan fi oomishaafi oomishtummaa guddisuu danda’an hedduun bocamanii hojiirra ooluun seenaa qonna biyyattii sadarkaa olaanaan jijjiiraa jiru.

Jijjiirama akka biyyaatti dhufe hordofee mootummaan haala baratamaa qonni ittiin gaggeeffamaa ture bu’uura irraa jijjiruun karaa tarsiima’aan akka hoogganamuufi riifoormii cimaan seektaricha keessatti hojiirra akka oolu taasiseera.

Inisheetiviiwwan wabii nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bulaa guddisuu fi sharafa alaa argamsiisuuf hojiirra oolaan keessaa Inisheetiviin misooma Ruuzii isa tokko.

Inisheetiviin misooma Ruuzii kun yeroo gabaabaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuufi birmadummaa biyyaa guutuu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira.

Ruuziinis akka innisheetivi haaraatti leenjii, teeknoolojii ammayyaa, sanyii filatamaa fi sirna kilaasteraatiin deeggaramee oomishamaa jira.

Mootummaan Ida’amuu galmoota Qonnaa arfan Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu,oomisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu,alergii guddisuu fi carraa hojii uumuuf qabate dhugoomsuudhaaf carraawwan jiran hundaan hojjechaa jira.

Bara 2013 eegalee Godinaalee Kibba Lixa Oromiyaatti Inisheetiviin misooma Ruuzii qorannoo ammayyaan deggerame bal’inaan hojiirra oolee jira.

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Baakkoo waggoottan darban sanyii Ruuzii haaraa lama Cawwaaqaa fi Baallii kan omishaafi omishtummaan isaanii olaanaa ta’e qoratee baasuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasiseera.

Naannoo Oromiyaatti bara 2013/14 inisheetiiviin misooma Ruuzii labsame.

Bara 2013/14 lafti hekteerri kumni 16 oomisha Ruuziin uwwifame.
Bara 2017/18 ammoo gara lafa hektaara miliyoona 1.2 olitti guddateera.

Bara 2013/14tti callaan kuntaalli kuma 800 fi kuma 5 argamee ture.

Bara 2017/18tti ammoo kuntaalli miliyoonni 50 ol argameera.

Ammas oomishaa fi Oomishtummaa Ruuzii dabaluuf qorannoon geggeeffamaa jiru cimee itti fufeera.

Carraawwan hundatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuun, jireenya lammiilee fooyyeesuu fi ce’umsa Teeknooloojii qonnaa saffisiisuuun dhimmoota ijoo dursi kennameefii irratti hojjetamaa jiruudha.

Bu’uuruma kanaan biyyattiin biyyoota michuuwwan gama kanaan muuxannoo dheeraa qaban irraa deggersa tekinikaa fi muuxanoo fudhachuun hojicha milkeesuuf hojjechaa kan jirtu yoo ta’u, misooma Ruuzii ammayyeessuuf waliigaltee deeggarsa Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 75 Jaappaan waliin mallatteessuun ishees kanaaf agarsiistuu tokkoo dha.

Fuulduraafis oomistummaa ruuzii daran guddisuun wabii midhaan nyaataa biyyattii mirkaneessuu keessatti qooda irraa eegamu akka ba’uuf qindoominaan hojjetamaa jira.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.