Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraalee Misoomaa Diigaman Suphuun Tajaajilaaf Akka Qophaaaniif ni Hojjenna – Dooktar Shishaay Amaaree

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) – Bu’uuraalee misoomaa walitti bu’iinsaan diigaman suphuun tajaajilaaf akka qophaa’aniif ni hojjenna jedhan Kantiibaan Magaalaa Maqalee Dooktar Shishaay Amaareen.

Dooktar Shishay Amaareen jiraattota Magaalaa Maqalee wayita mariisisan, ergamni Bulchiinsa Imaamaa ji’oota jahan itti aananiif turu fedhiiwwan uummataa ariifachiisaa ta’an guutuu, nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu akkasumas filannoo itti aanuuf haala mijataa uumuu irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.

Sababa walitti bu’iinsa yeroo dheeraaf tureen jiraattonni naannichaa deeggarsa nyaataa fi yaalaa ariifachiisaa akka barbaadan kan ibsan Dooktar Shishaay, keessumaa dhiibbaa hongee jiru irraa kan ka’e fedhiin deeggarsa namoomaa ariifachiisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Barattoonni Naannoo Tigraay bara barnootaa kana manneen barnootaa akka hin eegalin dubbatanii, barnoota dafanii eegalchiisuu fi sochii gabaa kakaasuun hojiiwwan xiyyeeffannoo barbaadan ta’uu ibsaniiru.

Daldaltoonni gara hojii daldalaa idileetti akka deebi’anii fi oomishaaleen barbaachisoo ta’an naannichaaf akka dhiyaataniif Mootummaa Federaalaa waliin qindoominaan akka hojjetan dubbataniiru.

Nageenya uummataa mirkaneessuun milkaa’ina hojiiwwan biroof murteessaa ta’uus hubachiisanii, qaamoleen nageenyaa fi Poolisiin Federaalaa hojii nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Uummannis Mootummaa fi Bulchiinsa Imaanaa waliin qindoominaan hojjechuun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf gahee isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.

Jiraattonni dhimmoota nageenya uummataaf yaaddoo ta’an qaamolee dhimmi ilaallatuuf beeksisuu fi hojiiwwan ijaarsa nagaa keessatti hirmaachuun ergama Bulchiinsa Imaanaa deeggaruu akka qaban hubachiisaniiru.

Kana malees, manneen barnootaa, buufataalee fayyaa fi dhaabbilee mootummaa walitti bu’iinsaan diigaman deebisanii ijaaruuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa suphuun deebisanii hojii irra oolchuun jireenya idilee uummataa deebisuu fi dhiyeessii tajaajilaa fooyyessuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Misooma Kooriidarii Magaalaa Maqalee ilaalchisees, hojiin misoomaa kun magaalattii guddisuu qofa osoo hin taane, misooma magaalota naannichaa biroo jajjabeessuufis gumaacha akka qabu ibsaniiru.

Misoomni kooriidarii kun osoo hin jalqabin mariin uummataa akka gaggeeffamu eeruun, gaaffilee jiraattotaa adda baasuun furmaata barbaachisaa kennuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Aangoon Bulchiinsa Imaanaa seeraan hojiiwwan murtaa’an irratti kan daangeffame ta’uu kan ibsan Dooktar Shishaay, dabarsa lafaa, hayyama albuudaa fi invastimantii kennuu akkasumas murtoowwan seeraa bal’aa dabarsuun aangoo bulchiinsa kanaa keessatti kan hin hammatamne ta’uu dubbataniiru.

Ergamni Bulchiinsa Imaanaa ji’oota jahanitti milkaa’inaan akka raawwatamuuf hirmaannaa fi tumsi uummataa murteessaa ta’uu hubachiisanii, hanga mootummaa filatame hundeeffamutti haala tasgabbaa’aa uumuun hojiiwwan barbaachisoo ta’an milkeessuuf waliin hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Bulchiinsi Imaanaa ji’oota jahan itti aananiif Naannoo Tigraay bulchu, Kaabinee Raawwachiisummaa Olaanaa Obbo Asaafaa Abrahaa Haagoos, Dooktar Tewodiroos Aragayi, Birgaadeer Jeneraal Gabra Igizaabeer Bayyanaa, Obbo Radaa’i Haalafoom fi Dooktar Shishaay Amaareen durfamu muudamuun hojii eegaluun isaa ni yaadatama.

Yonaas Geetinnatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.