Fana: At a Speed of Life!

Karaa Qaroominni Itiyoophiyaa Ittiin Dhugoomuun Hojjechuuf Itti Gaafatamummaa Qabna – Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) — Karaa ittiin qaroominni Itiyoophiyaa dhugoomuu danda’uun hojjechuuf itti gaafatamummaa qabna jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Komiishinii Annisa Niwukilaraa Itiyoophiyaa wayita daawwataniitti, jiraachuu qofa osoo hin taane, dameewwan hunda keessatti ijoollee keenyaaf dhaala bu’uuraa kaa’uun barbaachisaa dha jechuun ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni waan argatan hunda yeroo tokkotti fixanii hin xumuran kan jedhan Ministirri Muummee, yeroo rakkinaaf jedhanii qusachuun aadaa isaanii ta’uu ibsanii, aadaa kana bara ammaa keessatti hojiirra oolchuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Yeroo fi carraa nuuf kenname keessatti ijoollee keenyaaf dhaala, qabeenyaa fi bu’uura kaa’uun barbaachisas jedhan.

Hojii boruuf tuuu fi dhalootaa dhalootatti darbu hojjechuuf dabaree dhalootaa keessatti itti fufiinsaan tattaafachuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Saayinsii hawaa fi damee niwukilaraa irratti duubatti hafneerra kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, hojiiwwan jalqabaman cimsuun Itiyoophiyaan wabii midhaan nyaataa ofii mirkaneessuu bira darbitee oomisha gara biyya alaatti akka gurgurtu; fayyaa ummataa eeguuf dandeettii gahaa akka qabattu; tuurizimii fayyaatiin galii guddaa akka argattu; anniisaa oomishtee akka gurgurtu; dhiyeessii anniisaa isheetiin invastimantiiwwan hedduu akka hawwattu; akkasumas galiiwwan kanneen irraa argaman fayyadamuun bu’uuraalee misoomaa akka ijaarrattu gochuun itti gaafatamummaa hunda keenyaati jechan.

Itiyoophiyaan dhaabbilee waaraa ijaaruu akka dandeessu, aadaa hojii ishee qaroomina bara ammaa waliin akka walsimsiiftu, seera qofa osoo hin taane naamusaanis kan bultu, hannaa kan balaaleffattu, akkasumas dhaloonni hojii hojjechuun kabaja ta’uu amanu akka uumamu abdii qabaachuu isaaniis ibsaniiru.

Itiyoophiyaa akkuma hawwinuufi sadarkaa isheen irra ga’uu qabdu irratti arguu kan dandeenyu, itti gaafatamummaan nutti dhaga’amee yeroo dheeraaf yaaduu, karoorfachuu fi hojjechuu, akkasumas hojii hojjetamu dhaloonni itti aanu akka dhaalu karaa mijeessuu yoo dandeenye qofa dha jechuunis hubachiisaniiru.

Waggoota 25 dhufan keessatti Itiyoophiyaan dameewwan hundaan bu’uura amanamaa diriirfattee Afrikaaf fakkeenyaafi biyya adda duree taatee akka mul’attus ibsaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.