Luulaa Daa Siilvaan marsaa 4ffaaf filannoo Biraaziil injifatan
Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Pireezidaantiin Biraaziil Luulaa Daa Siilvaan filannoo biyyattiin si’a 4ffaaf injifataniiru.
Luulaa Daa Siilvaan morkataa isaanii ilma Pireezidaantii duraanii biyyattii Jiiyar Boolsoonaaroo, Laaviiyoo Boolsoonaaroo injifachuun sagalee pireezidaantii biyyattii isaan taasisu argataniiru.
Filannichaan Luulaa Daasiilvaan sagalee % 51.79 wayita argatan morkataan isaanii Laaviyoo Boolsoonaaroon ammoo %48.21 argataniiru.
Luulaa Daa Siilvaan injifannoo isaanii seena qabeesssa jechuun ibsaniiru.
Deeggartootni isaaniis magaalota Biraaziiliyaafi Riyoo Dii Janiiriyootti gammachuu isaanii ibsachaa jiru.
Laaviiyoo Boolsoonaaroo gamasaaniin, sababni filannichi sa’aatiiwwaniif dheerate ifa miti jechuun, bu’aa filannichaa akka hin fudhanne deeggartoota isaaniif ibsaniiru.
Luulaa Daa Siilvaan filannoo pireezdaantummaa biyyattii bara 2003, 2010 fi 2023 injifachuun ni yaadatama.
Miikiyaas Ayyalaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa