Yuuniivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa Neetwoorkii Akkaadaamii Giloobaalii Intarpoolitti makame
Finfinnee, Onkoloolessa 20,2019(FMC)- Yuuniivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa waliigaltee Neetwoorkii Akkaadaamii Giloobaalii Intarpoolitti makamamuuf isa dandeessisu mallatteesseera.
Waliigalticha Komishinarri Jeneraalaa Ajaja Waliigalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el fi Barreessaa Olaanaan Intarpool Vaaldasii Uurkiizaan mallatteessaniiru.
Komishinarri Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana Yuuniivarsiitiin Poolisii Itiyoophiyaa Neetwoorkii Akkaadaamii Giloobaalii Intarpoolitti makamuu ibsanii, waliigaltichi boqonnaa tumsaa haaraa kan banu ta’uu eeraniiru.
Waliigaltichi misooma dhaabbata Poolisii Itiyoophiyaaf jijjiirama guddaa kan fidu, sadarkaalee barnootaa ulaagaalee idil-addunyaa waliin walsimsuuf kan gargaaru fi naannawaa Baha Afrikaaf qabeenya tarsiimawaa murteessaa ta’ee akka tajaajilu kaasaniiru.
Biyyoonni qofaa isaanii yakka idil-addunyaa ittisuu akka hin dandeenye ibsuun, waliigaltichi Poolisiin Federaalaa waljijjiirraa odeeffannoo fooyya’aa, teeknooloojiiwwan qorannoo yakkaa ammayyaafi tarkaanfiiwwan qindeessuu akka fayyadamuuf kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Barreessaa Olaanaan Intarpool Vaaldasii Uurkiizaan gamasaaniin, deeggarsa Itiyoophiyaan waggoottan 70 darbanitti dhaabbatichaaf taasifteef galateeffataniiru.
Waliigalteen taasifame dandeettii qaamolee seera kabachiistota biyyattii sadarkaa idil-addunyaatti leenjisuufi deeggaruu akka guddisu ibsaniiru.
Yakkoota ardii fi daangaa ce’an waloon ittisuun barbaachisaa ta’uu eeruu isaaniis ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa