Lammiileen Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 364 gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Onkoloolessa 23, 2019 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 1 fi 364 gara biyyaa deebi’aniiru.
Lammiilee balalliiwwan 6 gara biyyaa deebi’an kanneen keessaa kumni 1 fi 360 dhiiroota yoo ta’an, 4 ammoo dubartoota umriin isaanii waggaa 18 gadii ta’uu ibsameera.
Lammiilee kanneen hojiin maatiin walqunnamsiisuu itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa Fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
Fulbaana 5, 2018 eegalee hojii hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 12 fi 500 gara Itiyoophiyaatti deebi’aniiru.