Harawwan Hidha Jallisii Magacitti Cuuciiwwan Qurximmuu Kumni 100 fi kumni 25 ol itti dabalaman
Finfinnee, Onkololeessa 24, 2019 (FMC) – Piroojektiin Jallisii Magaci Onkololeessa 13, 2019 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun hojii eegale.
Piroojektichi Bishaan Meetir Kiyuubii miiliyoona 100 fi miiliyoona 85 ol qabata.
Lafa hektaara kuma 17 misoomsuu danda’a.
Pirojektichi waggoota 19’f harkifatee waggoota 2 keessatti bifa hawwataan ijaaramee xumurame.
Qonnaan bultoota kumatama fayyadamoo taasisa.
Haroowwan namtolchee naannawaa hidhichaatti uumamaan Horsiisa Qurxummiif faayidaa olaanaa qaba.
Yeroo ammaas Cuuciwwan Qurxummii kumni 100 fi kumni 25 ol itti dabalamuun kunuunfamaa jiru.
Jiraattoota magaalaa Goondarii fi naannawaa isheef bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessa.
Dargaggoota naannawaaf carraa hojii bal’aa uumaa jira.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa