Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaaronni Waraanaa Su-35 Dandeettii Waraanaa fi Gahee Itiyoophiyaan Naannawichatti qabdu  ni Cimsu – Gaazexeessaa Israa’el

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Xiyyaaronni waraanaa ammayyaa Su-35 Itiyoophiyaan dhiyeenya kana Ruusiyaa irraa fudhatte dandeettii waraanaa fi gahee biyyattiin naannawichatti qabdu ni guddisu jedhan gaazexeessaa Israa’el fi qorataan Chaanaalii 14 Eedi Kooheen.

Itiyoophiyaan torban darbe xiyyaarota waraanaa Su-35 dhaloota 4++ ta’an 12  marsaa jalqabaa Ruusiyaa irraa fudhachuun ishee ni yaadatama.

Gaazexeessaan Israa’el fi qorataan Chaanaalii 14 Eedi Kooheen dhimma kana ilaalchisee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gufuuwwan ishee mudatan carraaqqii dippilomaasii fi hariiroo idil-addunyaa cimaa qabduun ce’uun waliigaltee Ruusiyaa waliin qabdu milkeessuu dandeesseetti.

Kunis Itiyoophiyaan hariiroo idil-addunyaa ishee bulchuu fi faayidaa tarsiimawaa ishee kabachiisuu keessatti dandeettiin ishee guddachaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Eedi Kooheen, xiyyaaronni waraanaa ammayyaa Su-35 Itiyoophiyaan argatte kunniin dandeettii waraanaa fi dhiibbaa naannawaa ishee sadarkaa olaanaatti akka guddisan irra deebi’anii ibsaniiru.

Miidiyaaleen Ijiptii fi Arabaa guddina waraanaa Itiyoophiyaa xiyyeeffannoon hordofaa jiraachuu eeruun, Itiyoophiyaan Humna Qilleensaa ishee cimsachuun Ijiptiin yaaddoo guddaa keessa galchuu isaa kaasaniiru; imaammata dhimma alaa Ijiptis qeeqaniiru.

Ijipti mul’ata siyaasaa jijjiiramoota naannawichaan  walsimu fi  ifa ta’e akka hin qabne ibsanii, dhiphinni dinagdee keessaa fi qormaatonni siyaasaa biyyattiitti dabalaa dhufanis dandeettii bulchiinsaa hoggansa biyyattii irratti gaaffii kaasaa jiraachuu eeraniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.