Gaazii Uumamaa Fayyadamuun Hirkattummaa Boba’aa Hir’isuu fi Misooma Magaalaa Cimsuu – Mul’ata Mootummaa Ida’amuu
Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2019 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu qabeenya uumamaa biyya keessaa gara faayidaa ummataa qabatamaatti jijjiiruun hirkattummaa boba’aa biyya alaa hir’isuu fi misooma magaalaa ammayyaa cimsuuf hojjechaa jira.
Hojiirra oolmaa mul’ata kanaaf agrsiistuu kan ta’an awutoobisoonni 26 jalqabaa boba’aa irraa gara gaazii uumamaatti jijjiiraman Onkoloolessa 22, 2019 Finfinneetti tajaajilaaf oolaniiru.
Awutoobisoonni gaazii haaraan 400 dabalataanis gara biyyaatti akka galan ibsameera.
Jijjiiramni kun gaazii uumamaa Godeetti oomishamuuu eegale geejjiba magaalaa keessatti fayyadamuun qabeenya biyya keessaa gara faayidaa ummataatti jijjiiruun akka danda’amu agarsiisiistuu tokkoo dha.
Awutoobisoonni gaazii uumamaa fayyadamuun socho’an hirkattummaa boba’aa biyya alaa irratti qaban hir’isuu, sharafa alaa qusachuu, baasii hojii geejjibaa gadi buusuu fi dhiibbaa jijjiirama gatii boba’aa gabaa idil-addunyaan biyyatti irra ga’u hir’isuuf gumaacha qaba.
Akkasumas, gaazii uumamaatti ce’uun faalama qilleensaa hir’isuu, naannoo fayya qabeessa uumuu fi magaalaa magariisaa ijaaruu keessatti gahee guddaa qabaata.
Pirojektiin kun gaazii uumamaa oomishuu qofa osoo hin taane, teeknooloojii, beekumsaa fi dandeettii ogeeyyii biyya keessaa guddisuuf carraa uuma.
Awutoobisoonni gaazii uumamaa, awutoobisoota elektirikii, baabura salphaa fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa waliin qindoominaan yoo babal’atan, Finfinnee magaalaa ammayyaa, saffistuu, qulqulluu fi jiraattotaaf mijattu taasisuuf ni gargaara.
Walumaagalatti, tarkaanfiin kun qabeenya biyya keessaa fayyadamuun dandeettii dinagdeen of danda’uu cimsuu fi mul’ata misoomaa Mootummaa Ida’amuu hojii irra oolchuu keessatti gahee olaanaa kan qabuu dha.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa