Fana: At a Speed of Life!

Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf…

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Sagantaa Pirimeer Liigii Ingilaandi torbee 10ffaa’n Arsenaal dirree isaarratti Haal Siitii waliin ni taphata.

Taphichi har’a galgala Sa’aatii 12:00 irratti taphatmaa.

Arsenaal tapha har’aa yoo injifate, hanga Maanchisteer Siitiin taphatutti garaagarummaa qabxii isaanii gara 6tti ol guddisuu danda’a.

Haal Siitiin taphoota liigichaa torban darban keessatti injifannoo argachuu kan hin dandeenye yoo ta’u, tapha kanaan gara injifannootti deebi’uuf ni falmata.

Gama biraatiin, galgala sa’aatii 2:30 irratti Maanchisteer Siitiin dirree isaan ala Notiingihaam Fooreesti waliin taphata.

Maanchisteer Siitiin taphoota liigichaa lamaan walitti aanan kan mo’ame yoo ta’u, tapha kanaan gara injifannootti deebi’uuf dirree seena.

Notiingihaam Fooreestis taphoota liigichaa shaman injifachuu hin dandeenye.

Taphoota biroon guyyaa sa’aatii 9:30 irratti Liidsi Yunaayitid ,Tootinhaam Hootispaar waliin taphata.

Akkasumas Galgala sa’aatii 12:00 irratti Fulhaam Niwuukaasili Yunaayitiid waliin taphatu.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MulataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.