Kutannoo Mootummaa Ida’amuu: Sirna Annisaa Waarawaa Ijaaruuf
Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2019 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu sirna anniisaa qaqqabamaa, amanamaa, madaalawaa fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf kutannoo qabaachuu isaa hojiiwwan garaagaraa hojjechaa tureen agarsiiseera.
Galma Itiyoophiyaan qaqqabummaa tajaajila elektirikii mirkaneessuuf kaa’attee jirtu milkeessuuf tumsi cimaa, invastimantiin itti fufiinsa qabuufi hirmaannaan olaanaan damee dhuunfaa murteessaa dha.
Tajaajilli Elektirikii guddina diinagdee, guddina indaastirii, oomishtummaa qonnaa fi fooyya’iinsa tajaajila uummataaf gahee bu’uuraa qaba.
Humni elektirikii gatii madaalawaan uummata qaqqabuun galmawwan misoomaa waliigalaa biyyattii milkeessuu keessatti gahee ijoo akka bahatuuf waggoota darban keessa bal’inaan hojjetamaa tureera.
Keessumaa hawaasaafi dhaabbilee daldalaa sarara raabsa elektirikii biyyaalessaa irraa fagaatanii argamaniif dhiyeessii anniisaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf sirnoota anniisaa aduu mana keessaa, sararoota raabsa elektirikii aduu xixiqqaa fi teeknooloojiiwwan anniisaa oomishtummaa dabalan waliin ga’uun danda’ameera.
Qabeenya anniisaa haaromfamaa Itiyoophiyaan qabdu sirnaan fayyadamuun nageenya anniisaa ni cimsa.
Kumis guddina diinagdee itti fufiinsa qabu galmeessuufis dandeettii dandamannaa sirna anniisaa guddisuuf carraa guddaa uuma.
Kaappitaalli, beekumsi teeknikaa, kalaqniifi dandeettiin raabsa damee dhuunfaa anniisaa haaromfamaa bal’inaan qaqqabsiisuu, carraa hojii uumuu fi dandeettii oomisha biyya keessaa cimsuuf murteessaa waan ta’eef, qindoominaan hojjetamaa jira.
Qindoomina kana caalaatti bu’a qabeessa taasisuuf imaammata ifaafi sirna to’annoo mijataa faayinaansii fi sharafa alaa argamsiisuu danda’u diriirsuu fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu gidduutti tumsa bu’a qabeessa uumuuf hojjetamaa jiraachuu odeeffannoon Ministeera Bishaaniifi Inarjii irraa argame ni mul’isa.
Ministeerichi dhaabbilee garaagaraa, damee dhuunfaafi tumsitoota misoomaa waliin qindoominaan hojjechuun Itiyoophiyaaf sirna anniisaa qaqqabamaa, amanamaa, madaalawaa fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf kutannoon hojjechaa jira.
Sochiiwwan invastimantii cimsuu, filannoowwan faayinaansii haaraa diriirsuu, qonnaafi dameewwan oomishtummaa qaban biroo keessatti anniisaa haaromfamuu danda’u fayyadamuu, akkasumas dandeettii oomisha biyya keessaafi gabaa anniisaa qulqulluu cimsuuf xiyyeeffannoon kennameera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MulataGuddaa