Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen Misooma Qonnaa Naannoo Harariitti hojjetamaa jiran boqonnaa haaraatti ceaa jiru– Obbo Tamasgeen Xiruunaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Hojiileen Invastimantii Misooma Qonnaa Naanno Harariitti hojjetamaa jiran boqonnaa haaraatti ce’aa jiru jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xiruunaan.

Hojiileen Invastimantii Kaappitaala muraasan eegalaman yeroo gabaabaa keessaa kaappitaala olaanaatti guddachuu isaanii dubbatan.

Sangooliin Harar baatiwwan 3 keessatti furdachuun gabaa alaaf dhiyaachuun saharafa alaa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsan Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Yeroo itti aanus hirmaannaa damichaa caalmaatti dabaluun dinagdee biyyaa fi galii sharafa alaa guddisuuf, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran, ogeeyyii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiisan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.