Haala Siyaasaa Hammataa fi Mijataa Badhaadhina Waaraaf
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Badhaadhinni waaraa guddina diinagdee fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaan kan mirkanaa’u ta’us, adeemsa siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee biyya isaanii keessatti lammiileen ilaalcha garaagaraa qaban walqixa akka hirmaatan haalli mijataan yeroo uumame bu’uura cimaa qabaata.
Kana ilaalchisee, hammattummaan, heddumminni yaadaa, bu’uuraaleen dimokiraasii fi fayyadamummaan waloo utubaalee misooma waaraaf murteessoo dha.
Kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu yeroo hundeeffama isaa labsu ifa godhe keessaa tokko haala siyaasaa hunda hammatu ijaaruu dha
Kallattichi haala mijataa yaadotni fi ilaalchawwan garaagaraa mariidhaan itti dhiyaatan, qaamoleen siyaasaa dhimma biyyaalessaa irratti itti hirmaatan fi garaagarummaan marii fi waliigalteen itti furamu uumuu kan kaayyeffate dha.
Tarkaanfiiwwan haala siyaasaa babal’isuuf fudhataman keessaa dhaabbileen siyaasaa dhimma biyyaalessaa irratti akka hirmaatan taasisuu, adeemsa yaadotni fi ilaalchawwan garaagaraa ittiin dhiyaatan mijeessuu fi aadaa waliin hojjechuu cimsuun ni eeramu.
Hundeeffamni Paartii Badhaadhinaas sirna siyaasaa gidduu fi moggaa gidduu jiru dhabamsiisuun, dhaabbileen siyaasaa duraan “michuuwan” jedhamanii gara qarqaraatti dhiibaman walqixa akka hirmaatan taasisuuf paartii biyyaalessaa tokko jalatti fiduuf yaalii taasifame ta’uun isaa ni yaadatama.
Hammattummaan dhaabbilee siyaasaa caasaa tokko keessatti makuu qofaan kan ibsamu osoo hin taane, hirmaannaa murteessummaa qaamoleen hawaasaa garaagaraa jechuunis dubartooti, dargaggooti fi qaama miidhamtootni qaban guddisuu, mirga lammiilee kabajuu fi sagaleen nama hundaa akka dhaga’amu haala mijeessuu kan hammatuu dha.
Yaaliin hammattummaa siyaasaa kun imala badhaadhina diinagdee biyyattii waliin kan walqabate dha.
Yaad-rimeen Ida’amuu dandeettiiwwan, beekumsaa fi qabeenya garaagaraa kaayyoo waloo tokkoof qindeessuun humna misooma biyya tokkoo guddisuu kan jajjabeessuu dha.
Kunis dameewwan qonnaa, indaastirii, albuudaa, tuurizimii, anniisaa fi teeknooloojii keessatti hojiiwwan misoomaa raawwataman qindoominaan akka gaggeeffaman kan dandeessisuu dha.
Keessumaa dandeettii oomishaa biyyattii guddisuu, carraa hojii lammiilee bal’isuu, galii sharafa alaa guddisuu, pirojektoota bu’uuraalee misoomaa garaagaraa babal’isuu fi jijjiirama caasaa diinagdee saffisiisuun badhaadhina biyyaalessaa dhugoomsuuf murteessaa dha.
Adeemsa kana hunda keessatti dandeettiin keessaa fi gahumsi hoggansa paartichaa gahee olaanaa qabu.
Paartichi hojiiwwan raawwatu yeroo yerootti madaaluu, bu’aawwan argaman adda baasuu, hanqinoota mul’atan sirreessuu fi hojiiwwan itti aananiif kallattii ifa ta’e kaa’uun mallattoo cimina dhaabbatummaa ti.
Bu’uuruma kanaan, torban darbe gamaaggamni raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa kurmaana jalqabaa bara 2019 gaggeeffame, kallattii hojiiwwan itti aananii kaa’uuf kan gargaaru dha.
Gamaaggamni kun itti gaafatamummaa hoggansaa fi miseensotaa cimsuu, hojii qindaa’aa hojjechuu fi karoora hojii itti aanu bu’a qabeessummaan raawwachuuf kan gargaaruu dha.
Badhaadhinni biyya tokkoo dhaabbilee cimaa, haala siyaasaa hammataa, hirmaannaa dammaqaa lammiileetii fi bu’aawwan misoomaa qabatamaa irratti hundaa’uun mirkanaa’a.
Kaayyoon badhaadhinaa Mootummaa Ida’amuu kan dhugoomu hirmaannaa ho’aa fi itti gaafatamummaa mootummaa, paartilee siyaasaa, hawaasaa fi lammiilee dhuunfaa hundaa irratti hundaa’ee ti.
Kaayyoon guddaan dandeettiiwwanii fi yaadota garaagaraa qindeessuun, misooma uummata fayyadu saffisiisuu fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuun Itiyoophiyaa cimtuu, tasgabbooftuu fi guddina diinagdee waaraa irratti bu’uurofte ijaaruu dha.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa
Malkaam Fiqaaduutiin