Fana: At a Speed of Life!

Bu’uurri milkaa’ina COP – 32, COP -31 irraa eegala

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Dhimmi qabsoo Jijjiirama Qabeenyaa Qilleensaa tumsa biyyootaa, mariiwwan itti fufiinsa qabanii fi tarkaanfii qabatamaa fudhachuu gaafata.

Itiyoophiyaan biyya Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa ta’uu isheen milkaa’ina yaa’ichaaf qophii barbaachisu taasisaa jirti.

Keessattuu hirmaannaan isheen Yaa’ii 31ffaarratti gootu yaa’ii itti aanuuf bu’uura kaa’uu ta’uu isaan itti gaafatummaa ishee karaa qindoomina qabuun raawwachuun murteessaadha.

Kaayyoo ijoon Itiyoophiyaan COP-31 irratti galmaan gahuu barbaaddu keessaa tokko, adeemsa marii fi waliigaltee waltajjichaa bu’a qabeessa taasisuun COP-32’f bu’uura kaa’uudha.

Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pireezidaantiin COP -32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos, mariiwwan COP-31 Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti gaggeessitu bu’aawwan qabatamaa akka argamsiisan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Pireezidaantoota Yaa’ichaa Turkiyyee fi Awustiraaliyaa waliin hojjechuun mul’anni waloo akka jiraatu gargaara jedhan.

Qophiin kun biyyoota COP-32’f michoota ta’an, dhaabbilee idil-addunyaa fi qaamolee garaagaraa hojii jijjiirama qilleensaa irratti bobba’an hirmaachisuuf kan kaayyeffate ta’u kaasan.

Paaviiliyooniin baname Itiyoophiyaa beeksiisuu fi COP 32’f qophummaa jiru kan mirkaneessan taateewwan 60 ol kan itti dhiyaatan ta’uu dubbatan.

COP-32 sadarkaa idil-addunyaatti hirmaannaa bal’aa akka qabaatuuf, hojiin hubannoo uumuu fi beeksisuu, Yaa’iin COP-31 Turkiyyee magaalaa Antaaliyaatti jalqabame carraa gaarii ta’uu eeran.

Yaa’iin COP-31ffaan Itiyoophiyaan Yaa’ii itti aanu qopheessuun dura dandeettii qophii ishee cimsachuuf, tumsa idil-addunyaa babal’isuuf, akkasumas kaayyoo waltajjichaa beeksisuuf akkaan murteessaa akka ta’e kaasan.

Milkaa’inni COP-32 mariiwwan waltajjicha irratti gaggeeffaman qofa irratti kan hundaa’e osoo hin taane, qophiiwwan waliinii dursee taasifaman, tumsa ijaaramanii fi waliigaltee uumamu irrattis kan hundaa’uu ta’uu yaadachiisan.

Malkaam Fiqaaduutiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.