Obbo Barakat Fissahaatsiyoon Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Raaga Haala Qilleensaa Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa Obbo Barakat Fissahaatsiyoon Yaa’ii COP31 cinaatti Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Raaga Haala Qilleensaa Addunyaa Piroofesar Seeleenstee Saawuloo waliin mari’ataniiru.
Sirna qabeenya qilleensaa fi mul’innaa haala qilleensaarratti dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti mari’ataniiru.
Dandeettii of eeggannoo duraa guddisuu fi uwwisa odeeffannoowwan qilleensaa haqa qabeessa taasisuun haala danda’amurrattis mari’ataniiru.
Yaa’ii COP-32 Finfinneetti gaggeeffamu dura, kallattii eegumsa jijjiirama qilleensaa saayinsiirratti hundaa’e cimsuu, akkasumas ijaarsa dandeettii fi tumsa idil-addunyaa, waloon jijjiirama qilleensaa qolachuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa