Fana: At a Speed of Life!

‎Kabajaafi fayyadamummaa dinagdee hawaasa baadiyyaa mirkaneessuuf: Koriidarii Baadiyyaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Misoomni Koriidarii Baadiyyaa bu’uuraalee misoomaa ammayyeessuu, jireenya lammiilee fooyyessuu fi garaagarummaa misoomaa magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru dhiphisuuf hojjetamaa jira.

Mootummaan Ida’amuu inisheetiiviiwwan fi sagantaalee fayyadamummaa hawaasa baadiyyaa mirkaneessan hedduu bocuun gara hojiitti galcheera.

Hojiiwwan fayyadamummaa baadiyyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessaa misoomni kooriidarii baadiyyaa isa tokko.

Tarsiimoon misooma koriidarii baadiyyaa yaada Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin bocame, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf haala jireenyaa mijataa uumuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, daandiiwwan, bishaan dhugaatii qulqulluu, ibsaa elektirikii fi humna aduu, akkasumas tajaajiloota fayyaa fi barnootaa babal’isuun jireenya hawaasaa fooyyessaa jira.

Riifoorimii kun imala badhaadhina qonnaan bulaa saffisuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Manneen jireenyaa hawwatoo ijaaruu, horsiisa beelladaa ammayyeessuu, misooma fuduraa fi kuduraa babal’isuu, akkasumas oomisha aannanii, hanqaaquu, foonii fi kanniisaa ammayyeessuun galii maatii fi dhiyeessii nyaata madaalawaa cimsuuf gumaachaa guddaa kan qabudha.

Hojiin misooma koriidarii baadiyyaa qonnaan bulaan geejjiba barbaacha fagoo akka hin deemne fi yeroo isaa sirriitti akka fayyadamus gargaareera.

Qonnaan bulaan omisha isaa faddaltoota seeraan alaa irraa ittisuun kallattiin gabaaf dhiheessuun, baasii hin barbaachisnee fi rakkina irraa ooluun galii isaa akka guddisu carraan uumameera.

Misoomni koriidarii baadiyyaa jalqabame kun badhaadhina
hundagaleessa mirkaneessuuf hojiiwwan mootummaan hojjetu keessaa tokko waan taheef, gandoota murtaa’an qofa keessatti hojjetamee kan dhaabbatu osoo hin taane, piroojektii itti fufiinsaan hojiirra ooluudha.

Daandiiwwan misooma koriidarii baadiyyaatiin ijaaraman, pirojektoota misooma magariisaa, gandoota baadiyyaa moodeela ta’an baadiyyaa gara jiddu gala turistiitti jijjiiraa jiru.

Galteewwan naannawaatti argamaniin, ijaarsa aadaa, karoora gurmaa’aa fi hirmaannaa ho’aa kutaalee hawaasaan qe’ee moodeela jireenyaaf mijataa ta’an ijaaramaniiru.

Qe’eewwan Aanaa Gooroo, Wallagga Bahaa, Gurrafardaa, Hamaasaa, Hararii, Halaabaa, Kambaataa, Hadiyyaa fi Godina Silxeetti ijaaraman fakkeenya kan ta’aniidha.

Koriidariin baadiyyaa ce’umsa hawaasaa fiduu fi bu’uuraalee misoomaa dabalatee fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan dhimmoota hedduu kan hammate yoo ta’u, naannawaa baadiyyaatti jireenya ammayyummaa kan uumuu fi haala jireenyaa qonnaan bulaa kan jijjiiru riifoormii mandhaleedha.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.