Abbummaa Ulaa Galaanaa mirkaneessuun tarsiimoo Guddichaa fi qaama ijoo Ida’amuu ti – Dooktar Habtaamuu Ittafaa
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuun Tarsiimoo Guddicha Ida’amuu keessaa qaama ijoo fi murteessaa ta’uu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan ibsan.
Dooktar Habtaamuun, Itiyoophiyaan hawwii fi gaaffii jaarraa hedduu laga Abbayyaa misoomuuf ka’aa ture bu’uureffachuun Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun seenaa hojjechuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa immoo gaaffii seena qabeessa abbummaa ulaa galaanaa mirkaneeffachuuf qabduuf deebii kennuufi mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.
Dhimmichi gaaffii seenaa qabeessa jaarraa hedduuf lammiilee Itiyoophiyaan ka’aa ture fi deebii osoo hin argatin gaaffii biyyaalessaa ta’ee asi ga’e ta’uu eeraniiru.
Hoggansi siyaasaa yeroo sana ture Itiyoophiyaa ulaa galaanaa idhabsiisuun faayidaa biyyaalessaa fi gaaffii ummataa dabarsee diinota seenaa duriif kennuun isaa madaa seenaa guddaa ta’uu kaasaniiru.
Yeroo ammaa karaa dipilomaasii olaanaa mootummaan hordofaa jiruun yaadni Itiyoophiyaan abbummaa ulaa galaanaa qabaachuu qabdi jedhu dhimma Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, dhimma hawaasa idil-addunyaa ta’aa dhufuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddichaa akka hin ijaarranneef diinota seenaa duriitiin shira irratti raawwatame tokkummaa isheetiin akkuma fashaleessite, yeroo ammaa immoo abbummaa ulaa galaanaa shiraan dhabde tokkummaan mirkaneessuun sadarkaa qaroomina Itiyoophiyaa ol kaasuun akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru.
Adeemsi qaroomaan Itiyoophiyaan yeroo ammaa hordofaa jirtu fedhii yeroo ammaa qofa osoo hin taane, carraa dhaloota dhufuu ta’uus ibsaniiru.
Tarsiimoon Guddichi Ida’amuu bara 2050tti badhaadhina ishee mirkaneessuun, sadarkaa idil-addunyaatti biyya kabajamtuu fi sodaatamtuu taate ijaaruu kaayyoo godhatee kan hojjetu ta’uu yaadachiisaniiru.
Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu karaa seera qabeessa, nagaa fi diploomaasiin furmaata argachuun guddina biyyaatti gara fuulduraatiif murteessaa ta’uu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa