Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan waltajjii ajandaa raawwii COP31 irratti hirmaachuun qophii COP32f murteessaa dha – Komishinii Diinagdee Afrikaa

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FM) – Itiyoophiyaan waltajjii ajandaa raawwii COP31 irratti hirmaachuun qophii yaa’ii COP32f taasiftu cimsuuf akka gargaaru Daayirektarri Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Mootummoota Gamtoomanii Kilaaver Gaateetee ibsan.

Yaa’iin 31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dhimma Jijjiirama Qilleensaa (COP31) irratti waltajjiin Inisheetivii Raawwii Dhimma Jijjiirama Qilleensaa ajandaa dursi kennamuuf irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.

Daayirektarri Olaanaan Komishinichaa Kilaaver Gaateetee akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waltajjii kanarratti hirmaachuun muuxannoo qabatamaa qophii yaa’ii COP32 cimsuuf dandeessisu akka argattuuf gargaara.

Itiyoophiyaan biyyoota shanan Inishiyeetivii Raawwii Dhimma Jijjiirama Qilleensaa dursanii hojiirra oolchaa jiran keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Inishiyeetiviin kun biyyoonni karoora isaanii jijjiirama qilleensaa fi misoomaa gara pirojektoota carraa faayinaansii hawwachuu danda’aniitti akka jijjiiran kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Afrikaan kutannoo dhimma jijjiirama qilleensaarratti qabdu ibsuu qofa osoo hin taane, dhiyeessii faayinaansii waaraa mirkaneessuu, dandeettii dhaabbilee cimsuu fi tumsa cimaa uumuu keessatti hojjechuun gara raawwii bu’a qabeessa ta’etti ce’uun irraa eegamas jedhan.

Itiyoophiyaan bu’aa qabatamaa Afrikaaf fiduuf kaayyoo qabattee yaa’ii COP32 keessummeessuuf qophii taasisaa wayita jirtu kanatti, muuxannoowwan argaman gara dhaabbilee ciccimoo, sirna faayinaansii fi tumsa hirmaattota garaagaraatti jijjiiruun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.