Itiyoophiyaan ogummaa magariisaa fi carraa hojii uumuurratti murannoon hojjetaa jirti – Obbo Barakat Fissahaatsiyoon
Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan ogummaa magariisaa fi carraa hojii uumuurratti murannoon hojjetaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsiyoon.
Yaa’ii Jijjiirama qabeenya qilleensaa mootummoota Gamtoomanii 31ffaa cinaatti mariin mata duree ‘Diinagdee Kaarbanii gadi aanaa ijaaruuf ogummaa guddisuu fi carraa hojii uumuu babal’isuu’ jedhuun gaggeeffameera.
Itiyoophiyaan misooma namaarratti invastii gochuun dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuu fi ce’umsa diinagdee magariisaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsiyoon ibsaniiru.
Finfinneen yaa’ii COP-32 keessummeessuuf qophii taasisaa jirtu keessatti, anniisaa haaromfamuu babal’isuu fi sagantaan ashaaraa magariisaan dargaggootaaf carraawwan hojii bal’aa uumuu, akkasumas ammas carraawwan hojii haaraan uumamaa jiraachuu kaasan.
Obbo Barakat Murannoon Itiyoophiyaan misooma magariisaarratti qabdu hubachiisaniru
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa