Biyyoonni hojiilee jiijjiirama qilleensarratti hojjetaa jira akka milkeessan, fandiiwwan deeggarsa jijjiirama qilleensaa guddisuun barbaachisaadha – Dooktar Fitsum Asaffaa
Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Biyyoonni guddataa jiran hojiilee jiijjiirama qilleensarratti hojjetaa jiran akka milkeessan, bu’a qabeessummaa fandiiwwan deeggarsa jijjiirama qilleensaa guddisuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisistuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsum Asaffaan.
Yaa’ii COP31 cinaatti waltajjiin marii mata duree “ Fandii damdaneessa qabeenya qilleensaa waliingahiinsa fooyya’aafi dhiibbaa olaanaaf waloon hojjechuu” jedhuun gaggeeffameera.
Walga’icharratti Ministirri Ministeera Maallaqaafi Mariisistuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsum Asaffaan haasawa taasisaniiru.
Wayita kanas tumsa idil-addunyaa cimsuufi faayinaansii qabeenya qilleensaa babal’isuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniiru.
Dabalataanis biyyoonni guddinarra jiran hojii qabeenya qilleensaaf dursa kennan akka milkeessaniif gama deeggaruutiin bu’aa qabeessummaa fandiiwwan qabeenya qilleensaa damdaneessa guddisuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa