Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Noorweey waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP 31 cinaatti Ministira Muummee Noorweey Joonaas Gaahir Istaar waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Tumsa sagantaa Ashaaraa Magariisaa guddisuu, damee anniisaa haaromfamuu danda’uurratti invastimantii jajjabeessuu, akkasumas Noorweeyiin Itiyoophiyaan aangoo Pireezidaantummaa COP32 fudhattuuf jirtu deeggarsa taasistu cimsuu ilaalchisee carraawwan jiranirratti mari’anneerra Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.‎

Tumsa waloo dabalatee, dhimmota waqtaawaa, idil addunyaa fi naannawaa irratti mari’achuu isaanii kaasan.

Kunis dameewwan tumsa hojii irra ooluu danda’an irratti tarkaanfii fuulduraa fudhachuu fi hariiroo michummaa keenya caalaatti cimsuuf fedhii waliinii qabnu kan calaqqisiisudha jedhan ergaa isaaniin.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.