COP32 irratti tumsa gama maraa qabeenya qilleensaaf xiyyeeffannoon ni kennama- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos
Finfinnee, Sadaasa 2, 2019(FMC)- COP32 irratti amantaa tumsa gama maraa qabeenya qilleensaan jiru irra deebiin ijaaruun dhimma dursi kennamuufidha jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaafi Pireezidaantiin COP32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Yaa’ii COP31 Turki Antaaliyaatti gaggeeffamaa jirurratti haasawa taasisaniiru.
Dooktar Geediyoon wayita kana, muddamni qubsuma siyaasaa tumsa idil-addunyaaf qormaata ta’uu ibsaniiru.
Biyyoota gidduutti dameewwan teeknooloojii, invastimantiifi daldalaan dorgommiin uumamuu irraa kan ka’e tarkaanfiiwwan qabeenya qilleensaa rakkoof saaxilamuu eeraniiru.
Biyyoonni hanga gadi lakkifama kaarbanii hir’isuufi dandeettii dandamannaa guddisuuf mul’ata olaanaa akka qabaataniif gaafatamaa jiraachuu kaasanii, haa ta’u malee haalonni qabatamaan galma kana faayinaansiin deeggaruuf qormaata ta’uu ibsaniiru.
Rakkoon faayinaansii yoo furame miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaa hir’isuun akka danda’amu eeraniiru.
Amantaan kun adeemsa hunda hammataa ta’e hordofuun, garaagarummaa irratti kutannoon hirmaachuun, akkasumas bu’aalee mul’ata idil-addunyaa hojiilee biyya keessaa waliin walsimuun ijaaramuu qaba jedhaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa