Dooktar Abiy Ahimad Amiira Kuwaataar Sheek Taamiim Biin Hamaad Al-Taanii waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 2, 2019(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP31 cinaatti Amiira Kuwaataar Sheek Taamiim Biin Hamaad Al-Taanii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii COP31 cinaatti Amiira Kuwaataar Sheek Taamiim Biin Hamaad Al-Taanii waliin marii gamlamee gaggeessuu ibsaniiru.
Marichis hariiroo keenya waggoota dheeraa caalmaatti cimsuufi dameewwan dandeettii waloo misoomuuf qaban irratti tumsa qabnu guddisuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa