Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii Dippiloomaasii Itiyoophiyaa caalmaatti guddisaa jiru: COP 31

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) –Yaa’iin qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP31 Turkiyyee, Antaaliyaatti mata-duree “jecharraa gara gochaa fi raawwiitti ce’uu’’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Itiyoophiyaan yaa’ii kanarratti ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa calaqqisiisaa jirti.

Yaa’ii Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa qopheessitu ta’uu isheen milkaa’ina yaa’ichaaf qophii barbaachisu taasisaa jirti.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadi fi Hoggantoonni biroon Yaa’ii COP 31 cinaatti hoggantoota biyyoota addunyaa adda addaa fi Dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraa waliin marii dhimmoota waloo taasisaa jiru.

Kunis hariiroo dippiloomaasii biyyattii caalmaatti cimsuuf gahee olaanaa gumaacha.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadi Pireezidaantii Turkiyyee Reesiip Tayyip Erdoğan, Ministira Muummee Noorweey Joonaas Gaahir Istaar, Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaab, Ministira Muummee Baarbedoos Miiyaa Mootilii,Pireezidaantii Iraaq Niizaar Amiidiifi Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Pireezidaantiin COP32 fi Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos,Ministirri Ministira Maallaqaa fi Mariisiiftuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsuum Asaffaa, Ministirri Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsiyoon, Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen gitoota isaanii fi hoggantoota dhaabbilee idil addunyaa adda addaa waliin dhimmoota hariiroo dippiloomaasii caalmaatti cimsanirratti marii bal’aa taasisaniiru.

Yaa’ichi hariiroo dippiloomaasii, daldalaa, Invastimantii, turizimii fi michummaa gamhedduu biroo caalmaatti guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu isaa gamanummaan mirkaneessaa jira.

Yaa’iin Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 31ffaa hoggantoota biyyoota 200 siiqanii irratti hirmaataan kun Itiyoophiyaa caalmaatti beeksisuuf carraa guddaadha.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.