Injifannoowwan har’aa bu’uura Itiyoophiyaa guddoo boruuti – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) –Injifannoon Atileetoonni Itiyoophiyaa Dorgommii Olompiikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaarratti galmeessan injifannoo seenaa qabeessa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Milkaa’ina kana kan galmeessitan Atileetootni, leenjiftootniifi maatiin ispoortii hundi baga gammaddan! Jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa ispoortii ammayyaa babal’isuun, dandeettii dargaggoota guddisuu fi ga’oomsuun Itiyoophiyaan olaantummaa ispoortii addunyaa irratti qabdu deebistee akka goonfattu hojiin eegalle cimee itti fufa jechuun mirkaneessan.
Injifannoowwan har’aa bu’uura Itiyoophiyaa guddoo borii ta’uu ibsan.