Fana: At a Speed of Life!

Maanchister Yuunaayitiid Maayikiil Kaariik gaggeesse

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC)- Maanchister Yuunaayitiid leenjisaa Maayikiil Kaariik waliin adda bahuu ifoomseera.

Maanchisteer Yuunaayitiid Pirimeer liigii bara kanaa kudhan taphateen tapha tokko qofa injifachuun, shan qixa bahee, afur ammoo injifatamuun seenaa gadi aanaa galmeessuun sadarkaa 18ffaarraa taa’eera.

Maayikiil Kaariik bara dorgommii darbee kilabichi liigichaan sadarkaa 3ffaa qabachuun akka xumuruu fi hirmaataa Shaampiyoonsii liigii Awurooppaa akka ta’uuf gahee olaanaa bahachuun ni yaadatama.

Hoggantoonni Maanchisteer Yuunaayitiid ganna keessa Maayikiil Kaariik waliigaltee wagga lamaa kan mallatteesisan ta’uus, waliigalticha mallatteessee baatii shan keessatti kilabicha waliin adda baheera.

Maayikil Kaariik Maanchisteer Yuunaayitiid waliin taphataa ta’ee waggoota 12 akkasumas leenjisummaan baatii 9’f turtii taasiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.