Itiyoophiyaan baatiwwan arfan darban keessa Bunarraa galii Doolaara biiliyoona 1.16 argatte
Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan baatiwwan arfan darban keessa Bunarraa galii Doolaara biiliyoona 1.16 argatte jedhe Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii.
Oomisha Bunaa Alatti ergame Toonii kuma 100 fi kuma 67.8 irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.16 argamuu Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Addunyaa Dabalaan ibsaniiru.
Galiin argames kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 57.2 caalmaa qabaachuu kaasuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayiirraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa