Lammiileen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 2 fi 86 gara biyyaatti deebi’an
Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC)- Lammiileen Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan kumni 2 fi 86 gara biyyaatti deebi’aniiru.
Balaalliwwan marsaa 9 torbeetti taasifameen dhiironni kumni 1fi 664 fi dubartoonni 387 akkasumas daa’imman 35 gara biyyaatti deebi’aniiru.
Deebitootaaf bakki qubataniifi deeggarsi barbaachisuu taasifamuun maatii isaanii waliin akka wal qunnamaniif kan hojjetamu ta’uun ibsameera.
Fulbaana 5, 2018 irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti lammiileen kumni 100 fi kumni 16 ol gara biyyatti deebi’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa