Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa fayyaa mirkaneessuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamaa jiru – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Birmadummaa fayyaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiileen bu’aa qabeessi hojjetamaa jiru jedhan Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Yaa’iin Saayinsaawaa Ittisa dhibeewwanii idil addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icha Ministeera Fayyaa, Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawor Hansaniifi ‘Institute of Tropical Medicine Antwerp’ tu tumsaan qapheesse.

Dhibeewwan daddarboo dursaanii qolachuun dandeettii ittisaa guddisuun birmadummaa fayyaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhan.

Weerara dhukkubootaa to’achuun, bu’a qabeessummaa sirna fayyaa addunyaatiif fakkeenya ta’uu kan danda’u milkaa’ina guddaa galmeessuun danda’amuu dubbatan Dooktar Maqdas.

Itiyoophiyaan sirna fayyaa ishee caalaatti bu’a qabeessa taasisuuf hojmaata ammayyaa diriirsuun bu’aawwan qabatamaa galmeessaa jirti jedhan.

Yaa’ii kaleessaa eegalee hanga Boruutti turu kanarratti qorattoonni idil addunyaa, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa fi imaammata baaftoonni argamaniiru.

Yaa’ichi dhibeewwan sababa daddabarsiitoota, hanqina kunuunsa naannoo fi kanneen biroon tatamsa’an dandamachuuf dandeettii uumuurratti mari’achaa jira.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.